Sadaasatti Dammaqaa! Maxxansa Addaatu Raabsama!
1 Namoonni hedduun faayidaa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee gaaffiiwwan addaddaa gaafatu. Macaafni Qulqulluun namootaan barreeffame erga ta’e, akkamitti Dubbii Waaqayyoo jedhamuu danda’a? Macaafni Qulqulluun jireenyakoo akka naa qajeelchu amanuuf sababii qabaa? Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuuf yeroofi humnakoo balleessuun maal na fayyada? Hiika Macaafa Qulqulluu isa kamitti yoon fayyadame wayya? Isaan kun Gaaffiiwwan muraasa Dammaqaa! ji’a Sadaasaa maxxansa addaa ta’eefi mataduree, “Macaafa Qulqulluutti Amanuu Ni Dandeessaa?” jedhu qaburratti deebii kan argatanidha.
2 Dammaqaa! maxxansa addaa kana naannoo tajaajilaa keenyatti baay’inaan raabsuu barbaanna. Danda’amnaan, ji’a Sadaasaatti gaafa Sanbadduraa hundumaa gumii wajjin tajaajila manaa gara manaarratti hirmaadhaa. Firoonni, ollaawwan, namoonni wajjin hojjettaniifi warri deddeebitanii gaafattan Dammaqaa! kana akka ilaalan godhaa. Yommuu waa bituu manaa baatan, akkasumas yeroo karaa adeemtan barreeffama kana ofharkaa hin dhabinaa. Gumiin barreeffama kana haala ga’aa ta’een akka qabaatuuf jaarsoliin koppii baay’ee ajajaniiru.
3 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisaa: Barruu kana yeroo raabsitu maree gootu xumuruu keetiin dura, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf bu’uura kaa’uuf yaali. Fakkeenyaaf akkas jechuu dandeessa, “Yeroo ittaanu, gaaffii, ‘Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maalinni?’ jedhuuf deebiisaa Macaafa Qulqulluurraa utuun sitti argisiisee natti tola.” Achiis yommuu deebitee dhaqxu, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu fuula 4-5 ykn boqonnaa 3, keeyyata 1-3rratti wajjin mari’adhaa. Yookiinimmoo akkas jechuu dandeessa, “Yeroo ittaanu, raajii Macaafa Qulqulluu yeroo ammaa raawwatamaa jirurratti utuu wajjin mari’annee natti tola.” Deebitee yommuu dhaqxu boqonnaa 9, keeyyata 1-3rratti wajjin mari’adhaa. Yookiinimmoo akkas jettee namichatti himuu dandeessa: “Namoonni hedduun wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisan hubachuun akka itti ulfaatu dubbatu. Yeroo ittaanu, Macaafa Qulqulluu akka gaariitti hubachuu akkamitti akka dandeessu utuun sitti argisiisee natti tola.” Deebitee yommuu dhaqxu, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutiin wal barsiisuudhaan, akkamitti akka qayyabatamu itti argisiisi.
4 “Caaffata qulqullaa’aa” ‘akka fayyinuuf oogummaa’ nuu kennu kan qabate Macaafa Qulqulluu qofadha. (2 Xim. 3:15) Kanaaf, namoonni amantii Macaafa Qulqulluurratti qaban akka guddifatan gargaaruuf, Dammaqaa! maxxansa addaa kana raabsuurratti hundi keenya hinaaffaadhaan hirmaachuu barbaanna!