Fedhiidhaan Of Dhiheessuun Eebba Argamsiisa
1 Goliyaad, macca loltoota Israa’eliin, loltuu anaa wajjin wal loluu danda’u anaaf dhiheessaa jedhee yeroo itti roorrisaa turetti eenyuyyuu isaa wajjin wal loluu kan danda’e hin turre. Isaan keessaa garuu dargaggeessa tiksee ta’eefi lolatti muuxannoo hin qabne qofatu isa loluuf of dhiheesse. (1 Sam. 17:32) Yihudoonni gara Yerusaalemitti deebi’an dallaashee ijaaruu yeroo dhiisanitti, namni mootii Faaresiif dhugaatii dhiheessu tokko mirga guddaa kana dhiisee hojicha qindeessuuf gara Yerusaalemitti adeeme. (Nah. 2:5) Yihowaan, Daawitiifi Nahimiiyaan fedhiidhaan of dhiheessuusaaniitiin isaan eebbiseera.—1 Sam. 17:45, 50; Nah. 6:15, 16.
2 Yeroo har’aatti, fedhiidhaan of dhiheessuun biyya lafaa kanarraa dhabameera. ‘Guyyoota gara dhumaa’ kanatti namoonni baay’een hojiin kan itti baay’atuufi “ofittoo” ta’aniiru. (2 Xim. 3:1, 2) Kanaafuu, namni tokko salphaadhumatti dhimmawwan dhuunfaasaatti qabamuu waan danda’uuf, warra kaan gargaaruun yeroo barbaachisutti gargaarsa kana kennuf carraa argatetti hin fayyadamu. Nuyi garuu Kiristiyaanota waan taaneef, warra kaan gargaaruuf dursa fudhachuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu barbaanna. (Yoh. 5:5-9; 13:12-15; 1 Phe. 2:21) Fedhiidhaan of dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti? Akkas gochuu keenyaan eebba akkamii arganna?
3 Obboloota Keenyaaf: Kutaawwan walga’ii hirmaannaa dhaggeeffattootaa barbaadanirratti fedhii keenyaan yaada kennuudhaan, “kennaa hafuuraa” warra kaaniif hiruu dandeenya. (Rom. 1:11) Yaada kennuun, Yihowaan ulfina akka argatu, dhugaan sammuufi garaa keenya keessa akka turu akkasumas walga’iiwwan keenya caalaatti gammachiisaa akka ta’an godha. (Far. 26:12) Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti abbaan kutaa fudhate yommuu hafu kutaa sana dhiheessuufis fedhiidhaan of dhiheessuu dandeenya. Kunimmoo dandeettii barsiisuu keenya nuu fooyyessa.
4 Obboloonni dhiiraa itti gaafatamummaa gumii keessa jiran bira ga’uuf, fedhiidhaan of dhiheessuu danda’u. (Isa. 32:2; 1 Xim. 3:1) Obboloonni hundi, yeroo walga’iiwwan gurguddaan godhamanitti, kutaalee adda addaa keessatti hojjechuuf fedhiidhaan of dhiheessuudhaan walga’ichi akka gaariitti akka geggeeffamuuf gargaaruu danda’u. Ilaaltuu olaanaa aanaa wajjin tajaajiluuf ykn nyaata isa afeeruudhaaf fedhiidhaan of dhiheessuun keenya, “akka wal jajjabeessinu” nu godha. (Rom. 1:12) Ijoollee warra hin qabne, dubartoota abbaa manaa hin qabne, warra dhukkubsataniifi hir’ina qaamaa qaban, haadhotii ijoollee xixinnoo qabaniifi namoota gumii keessa jiran kan biraadhaaf gargaarsa kan goonu yoo ta’e gammachuufi surraa Yihowaa arganna.—Fak. 19:17; HoE. 20:35.
5 Karaan fedhiidhaan of dhiheessuu keenya itti argisiisuu dandeenyu kan biraammoo, gargaarsa Galma Mootummaa qulqulleessuufi suphuuf godhamurratti yeroofi humna keenya gumaachuudha. Itti dabalees, namoonni baay’een gara dhugaatti dhufaa waan jiraniif, Galmawwan Mootummaafi namoonni ijaarsasaarratti hirmaatan baay’een ni barbaachisu. Abbaa manaafi haati manaa tokko, waa’ee ijaarsaa beekumsa kan hin qabne ta’aniyuu, gargaarsaaf of dhiheessanii turan. Yeroo booda jarri kun lamaan leenjiin kan kennameef si’a ta’u, yeroo ammaatti xuuphiidhaan mana ijaaruudhaan gargaarsa kennaa jiru. Haati manaa akkas jetteetti: “Warra kaanii wajjin hojjechuun caalaatti walitti dhihaachuuf nu gargaareera. Galgala galgala qaamni keenya kan dadhabu ta’uyyuu karaa hafuuraa ni haaromfamna.”
6 Lallabuudhaan: Hojiin baay’ee barbaachisaa yeroo ammaatti hojjechuuf fedhiidhaan of dhiheessuu qabnu Mootummaa Waaqayyoo lallabuudha. Namoonni gorsa Macaafa Qulqulluu hubachaa akkasumas hojiirra oolchaa yeroo adeeman, kaayyoo jireenyaa hubachuusaaniirrayyuu, amalawwan miidhaa namarraan ga’anirraa walaba ba’uuf humna argatu. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii Macaafa Qulqulluu nama jajjabeessu baratu. Barumsa Macaafa Qulqulluu kennuudhaan, hojii namootaaf eebba bara baraa argamsiisu hojjechuuf gammachuudhaan of dhiheessina. (Yoh. 17:3; 1 Xim. 4:16) Tarii qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa ta’uu, bakka namni barbaachisu dhaqanii tajaajiluu, qajeelchaa addaa ta’uu ykn afaan kan biraa barachuudhaan hojii kanarratti hirmaannaa guddaa gochuuf haalli keenya nuu heyyama ta’a.
7 Daawit Mootichi, yeroo Masiihiin bulchuu jalqabutti sabni Waaqayyoo “jaalalaa [fedhii] isaaniitiin of in dhi’eessu” jedhee raajii dubbateera. (Far. 110:3) Yihowaan dhuma makara hafuuraa ariifachiisaa waan jiruuf, hojiin namoota fedhiidhaan of dhiheessaniin hojjetamu baay’eedha. (Isa. 60:22) Atoo, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” ni jettaa? (Isa. 6:8) Fedha ofiitiin of dhiheessuun keenya, Yihowaa kan gammachiisuufi eebba guddaa kan nuuf argamsiisudha.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Daawitiifi Nahimiiyaan fedhiidhaan kan of dhiheessan akkamitti?
2. Kiristiyaanonni fedhiidhaan of dhiheessuu kan qaban maaliifi?
3. Walga’iiwwan gumiitiif fedhiidhaan of dhiheessuun faayidaa maalii argamsiisa?
4. Karaawwan fedhiidhaan of dhiheessuu keenya itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko maal fa’i?
5. Dhimmawwan Galma Mootummaa wajjin wal qabataniif fedhiidhaan of dhiheessuun maalfaa dabalata?
6. Tajaajilli hojii baay’ee barbaachisaa fedhiidhaan irratti hirmaachuu qabnu kan ta’e maaliifi?
7. Keessumaa yeroo ammaatti fedhii ofiitiin of dhiheessuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?