LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/07 ful. 4
  • “Maal Jettee Deebista?”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Maal Jettee Deebista?”
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • (1) Gaaffii Gaafachuu, (2) Caqasa Caqasuu, (3) Boqonnaa Tokko Baasanii Itti Argisiisuudhaan Qayyabannaa Jalqabsiisuu
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Duree Haaraa Maree Jalqabuuf Gargaaru
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Dubbistootaaf
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Guutummaatti Itti Fayyadamaa Jirtaa?
    Tajaajila Mootummaa—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 3/07 ful. 4

“Maal Jettee Deebista?”

1 Macaafa Qulqulluu dubbisuu kan jaallattan ta’uyyuu, bakka seenaan ykn caqasni tokko itti argamu yaadachuun isin rakkisaa? Ijoolleen keessan barumsaafi seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu sirriitti akka hubatan barbaadduu? Yaanni Dammaqaa! fuula 31⁠rratti mataduree “Maal Jettee Deebista?” jedhu jalatti argamu, ijoolleenis ta’an ga’eessonni Macaafa Qulqulluu wajjin akka gaariitti akka wal baran gargaara.—HoE. 17:11.

2 Yaada fuula kanarratti dhihaatu caalaatti itti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti? Dammaqaan! Amajjii 2006 yaada akkas jedhu dhiheessee ture: “Fuula 31 ilaalaa. Kutaawwan tokko tokko ijoolleedhaaf akka qophaa’an; warri kaanimmoo ga’eessonni wanta baratan hammam yaadachuu akka danda’an akka ittiin of gamaaggamaniif kan qophaa’anidha. Kutaan ‘Barrisaa Yoom Ture?” jedhu, yeroo namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman itti jiraataniifi seenaawwan gurguddaan itti raawwataman akka hubattan isin gargaara. Deebiiwwan gaaffii ‘Maxxansa Kana Keessatti’ jedhu barruu sana keessa faca’anii kan argaman yommuu ta’u, deebiiwwan baay’eenimmoo barruu sana keessa iddoo tokkotti gadi garagalanii argamu. Deebiiwwan kana utuu hin ilaaliin dura, qo’annaa tokko tokko gootanii deebii argattan warra kaanii wajjin maaliif irratti hin mari’attan? Fuula addaa ‘Maal Jettee Deebista?’ jedhu kana qayyabannaa maatii goochuuf ykn obbolootaa wajjin mari’achuuf itti fayyadamuu dandeessu.”

3 Maatiiwwan hedduun yommuu qayyabannaa maatii godhan fuula addaa kanatti fayyadamuu filatu. Obboleettiin tokko kana ilaalchisuudhaan akkas jettee barreessiteetti: “Aniifi abbaan manaa koo kutaa ‘Gaaffii Fakkii Ijoolleedhaaf Dhihaate’ jedhu qayyabannaa maatii keenyaatti daballee qayyabachuun keenya, intala keenya ishee waggaa sadiitiif gammachiisaa akka ta’u hubanne. Dammaqaa! ishee fudhattee hamma deebiisaa argattutti hawwii guddaadhaan yommuu isheen sakattaatu ilaaluun baay’ee nama gammachiisa.” Obboleessi biyya Biraaziil tokkommoo akkas jedheera: “Aniifi ilmikoo inni waggaa torbaa kutaa Dammaqaa! kana baay’ee jaallanna. Kutaan kun Moo’iseen akka yaadasaa sassaabbatu, caqasa baafachuu akka baru, ergaa fakkiiwwan qaban hubachuufi yeroo seenaan tokko itti raawwatame beekuuf isa gargaareera.” Mucaa waggaa saddeetii kan taate Ashileenimmoo akkas jetteetti: “Dammaqaa! fuula 31⁠rratti mataduree ‘Maal Jettee Deebista?’ jedhu qopheessuu keessaniif baay’een isin galateeffadha. Waa’ee Macaafa Qulqulluu akka gaariitti barachuuf na gargaareera.”

4 Fuula “Maal Jettee Deebista?” jedhu kana darbee darbee qayyabannaa maatiirratti maaliif itti hin fayyadamtan? Gaaffiiwwan ciccimaa ta’aniif deebii argachuuf, Baafata Mataduree ykn Masaraa Eegumsaa CD-ROM [Siidii Roomiidhaan] qophaa’etti gargaaramuu dandeessu. Kunis, ijoollee keessan akka itti qorannaa godhan barsiisuuf isin gargaara. Ijoolleen keessan gurguddoota yoo ta’animmoo, gaaffiiwwan “Ani Eenyu?” ykn “Seenaa Keessatti Yoom Raawwatame?” jedhan qayyabannaa maatii dura qoratanii akka dhufan maaliif hin gootan? Kunis qayyabannaa maatiirratti waan qoratan warra kaaniif hiruuf isaan gargaara. Warri, fuula kanatti akka gaariitti fayyadamanii ijoolleensaanii xinnummaasaaniitii jalqabanii “caaffata qulqullaa’aa” akka hubatan gargaaruudhaan yaada Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu akka gaariitti isaan barsiisuu danda’u.—2 Xim. 3:15; Kes. 6:7.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Baay’een keenya rakkoo akkamii qabna?

2. Kutaawwan mataduree “Maal Jettee Deebista?” jedhurra jiranitti akkamitti itti fayyadamuu dandeenya?

3. Maatiiwwan tokko tokko kutaa kanarraa faayidaa kan argatan akkamitti? Siinoo baay’ee kan si gammachiisu kutaa isa kamidha?

4. Maatiiwwan kutaa Dammaqaarra jiru kana qayyabannaa maatiirratti itti fayyadamuu kan danda’an akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi