Mirga Tajaajilaa Keenya Ni Dinqisiifanna!
1 Ilmaan namootaa erga uumamuu jalqabanii kaasee, Yihowaan mirgawwan addaddaa tajaajiltootasaatiif kenneera. Yihowaan mirgawwan kana kan isaanii kenne saala, umrii ykn iddoo isaan hawaasa keessatti qabanirratti hundaa’uudhaan hin turre. (Luq. 1:41, 42; HoE. 7:46; Filp. 1:29) Yeroo har’aatti Yihowaan mirgawwan akkamii nuu kenneera?
2 Mirgawwan Qabnu Tokko Tokko: Yihowaarraa barachuuf mirga arganneerra. (Mat. 13:11, 15) Walga’iiwwan gumiirratti yaada kennuudhaan Yihowaa jajachuu keenyas akka mirga guddaatti ilaalla. (Far. 35:18) Yaada kennuudhaaf yommuu carraa argannu, gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama. Haaluma wal fakkaatuun hojii gumii keessatti nuu kennamu hunda akka mirgaatti kan ilaallu yoo ta’e, hojii kana humna keenya guutuudhaan hojjenna. Galma Mootummaa qulqulleessuus ta’e akka gaariitti suphuuf mirga argannerratti yeroo hunda ni hirmaannaa?
3 Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman kadhannaansaanii Waaqayyo biratti fudhatamuusaa ni shakku. Haata’u malee, nuti qaama uumama cufaarratti iddoo guddaa qabu biratti kadhannaa fudhatama qabu dhiheessuuf mirga arganneerra. (Fak. 15:29) Yihowaan kadhannaa tajaajiltootasaa ofiisaatii dhaggeeffata. (1 Phe. 3:12) Yihowaan yeroo hammamiitiif akka isa kadhachuu qabnu hin daangessine. “Yeroo hundumaa” Yihowaatti dhihaachuu danda’uun mirga dinqisiisaa mitii?—Efe. 6:18.
4 Hojii Waaqayyoo Keessatti Hidhatasaa Ta’uu: Mirgawwan gaggaarii qabnu keessaa inni tokko ‘hidhata Waaqayyoo’ ta’uudhaan misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuudha. (1 Qor. 3:9) Misiraachoo kana lallabuun hojii nama gammachiisuufi nama haaromsudha. (Yoh. 4:34) Yihowaan hojii kana galmaan ga’uuf namootatti akka fayyadamu wanti isa dirqisiisu hin jiru; haata’u malee, jaalalasaa nutti argisiisuuf hojii kana nuu kenneera. (Luq. 19:39, 40) Ta’us, Yihowaan mirga kana nama hundaaf hin kennine. Namoonni tajaajila kanarratti hirmaatan, ulaagaawwan hafuuraa tokko tokko guutuufi eeganii jiraachuu qabu. (Isa. 52:11) Torban torbaniin tajaajilarratti hirmaachuudhaan mirga arganne kana akka dinqisiifannu ni argisiifnaa?
5 Mirgi Yihowaan nuu kenne jireenya keenya kan nuu fooyyessudha. (Fak. 10:22) Mirgawwan kana gonkumaa akka laayyootti hin ilaalinaa! Mirgawwan tajaajilaaf arganne akka dinqisiifannu argisiisuudhaan, Abbaa keenya isa samiifi isa “kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus” biraa argamu ni gammachiisna.—Yaq. 1:17.