Fakkeenya Yesus Duukaa Bu’aa
1 Hojii bartoota gochuurratti yommuu hirmaannu, fakkeenyi keenya namoota nu ilaalanirratti dhiibbaa guddaa kan geessisu ta’uusaa beekuu qabna. Yesus kan barsiise jechaafi gochasaatiin ture. Namoonni isa ilaalan, hinaaffaasaa, jaalala inni namootaaf qabu, hawwii cimaa inni maqaa Abbaasaa qulqulleessuuf qabuufi gara kutannoo inni fedha Abbaasaa raawwachuuf qabu arguu danda’u turan.—1 Phe. 2:21.
2 Yeroo Manaa Gara Manaatti Tajaajillu: Akkuma Yesus, fakkeenyi keenya namoota nuu wajjin tajaajilanirratti dhiibbaa geessisa. Tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuun keenya babal’istoonni haaraafi muuxannoo baay’ee hin qabne, qulqullina tajaajilasaanii fooyyessuuf akka yaadan isaan godha. Gammachuufi jaalala dhugaa nuti namootaaf qabnu arguunsaanii, amalawwan akkasii tajaajilarratti argisiisuun barbaachisaa akka ta’e isaan hubachiisa. Caaffata Qulqullaa’oo akka gaariitti akka fayyadamnu, deddeebii gaaffii akka goonuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka geggeessinu yommuu argan isaanis akkasuma gochuuf kaka’u.
3 Yeroo Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessinu: Bartoonni Macaafa Qulqulluu caalaatti amala keenya ilaalu. Fakkeenyaaf, qayyabannaadhaaf qophaa’uun, caqasa baasanii dubbisuun, ijoo barumsichaa jala muruun barbaachisaa ta’uusaa isaanitti himuu dandeenya, haata’u malee nutis akkuma dubbannu ofii keenyaa kan qophoofnu ta’uusaa bartoonni keenya ni ilaalu. (Rom. 2:21) Nuti sa’aatii isaan qayyabsiisuuf beellamnetti kan argamnu yoo ta’e, isaanis sochiiwwan addaddaa raawwachuuf jecha qayyabanna Macaafa Qulqulluurraa hin hafan. Kana malees, fedhii nuti tajaajila keenyaaf aarsaa goonee of kennuuf qabnuufi cimina amantaa keenyaa akka ilaalan hin shakkisiisu. Bartoonni namoota akka gaariitti fakkeenya Yesus duukaa bu’anirraa baratan, yeroo baay’ee wangeela lallabuurratti hinaaffaafi bu’a qabeeyyi ta’uunsaanii kan nama ajaa’ibsiisu miti.
4 Yommuu Walga’iiwwan Gumiirratti Argamnu: Namoonni miseensa gumii Kiristiyaanaa ta’an hundi, walga’iiwwan gumiirratti fakkeenyaan barsiisurratti ga’ee qabu. Namoonni fedhii qabaniifi walga’iiwwanirratti hirmaachuu jalqaban, fakkeenya gaarii gumii keessatti arganirraa ni fayyadamu. Jaalala ho’aa obboloota gidduu jiru, tokkummaa Kiristiyaanummaa, akkaataa uffannaafi filannaa seera qabeessa ta’e ni ilaalu. (Far. 133:1) Walga’iiwwan gumiirratti yeroo hunda argamuufi walga’iiwwan kanarratti amantaa keenya namoota fuulduratti ibsuun keenyas kan mul’atudha. Namni walga’ii keenyarratti argame tokko, mucaan durbaa xinnoon tokko akka isheen itti caqasa Macaafa Qulqulluu daftee baaftuufi yommuu dubbifamu xiyyeeffannaadhaan itti hordoftu hubatee ture. Fakkeenyishee namichi kun Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu isa kakaaseera.
5 Caaffanni Qulqullaa’oon fakkeenya gaarii walirraa akka fudhannu nu jajjabeessu. (Filp. 3:17; Ibr. 13:7) Kanaafuu, akka gaariitti fakkeenya Yesus duukaa kan buunu yoo ta’e, wanti kun warra kaanitti akka mul’atuufi dhiibbaa gaarii akka isaanirra geessisu yaadachuu qabna. Kana beekuudhaan jecha 1 Ximootewos 4:16rratti, “ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu” jechuudhaan kenname haa qalbeeffannu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yesus fakkeenya akkamii ta’ee ture?
2. Fakkeenyi keenya warra nuu wajjin tajaajilanirratti dhiibbaa kan geessisu karaawwan kamiinidha?
3. Fakkeenyi keenya bartoota Macaafa Qulqulluu kan barsiisu akkamitti? Bartoonni Macaafa Qulqulluu fakkeenya keenyarraa maal barachuu danda’u?
4. Yommuu walga’iiwwan gumiirratti argamnu fakkeenyi keenya maal barsiisa?
5. Faayidaa fakkeenyi keenya qabu akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?
[Saanduqa fuula 5rra jiru]
District Convention Reminders
Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa
◼ Sa’aatii Sagantichaa: Sagantichi guyyaa sadanuu ganama sa’aatii 3:20tti jalqabama. Balballimmoo sa’aatii 2:00tti banama. Sagantichi jalqabamuusaa daqiiqaa muraasa dura, dura taa’aan sagantichaa muuziqaan utuu dhaga’amaa jiruu waltajjiirra bakka isaaf qophaa’e taa’a. Yeroo sanatti hundi keenya teessuma keenyaarra taa’uu qabna. Kana gochuun keenyas sagantichi haala sabrii qabuun akka jalqabamu godha. Sagantichi gaafa Jimaataafi Sanbadduraa sa’aatii 11:05tti Dilbatammoo sa’aatii 10:10tti xumurama; haata’u malee, diraamaan Dilbata waaree booda dhihaatu sa’aatii kanarratti jijjiirama fiduu ni danda’a.
◼ Teessuma Qabuu: Teessuma qabuun kan danda’amu namoota konkolaataa tokkoon wajjin deemtan ykn mana tokko keessa jiraattan qofaafidha.
◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha ala deemuu mannaa, laaqana keessan fidattanii dhufuun gaarii ta’a. Qodaan nyaataa keessan karaa akka hin cufneef teessoo keessan jala kaa’amuu kan danda’u ta’uu qaba. Meeshaa nyaata tursuuf gargaaran, qodaa salphaatti cabuufi dhugaatii alkoolii bakka walga’ii koonyaa fidanii dhufuun tasumaa dhorkaadha.
◼ Buusii: Walga’ii koonyaa qopheessuun baasii hedduu gaafata. Galma Mootummaattis ta’e bakka walga’ii koonyaatti fedhiidhaan buusii gochuudhaan hojii addunyaa maratti hojjetamu kanaaf dinqisiifannaa keenya argisiisuu dandeenya. Cheekiin bakka walga’ii koonyaatti buusii godhamu hundi “Yeyihowa Misikiroch” jedhamee barreeffamuu qaba.
◼ Sagalee Waraabuu: Meeshaa waraabbii toora elektiriikaa bakka walga’ii koonyaa wajjin wal qabsiisuun hin danda’amu; meeshaa sagalichaas karaa warra kaan hin jeeqneen qofa fayyadamuun ni danda’ama.
◼ Foormiiwwan: Foormiin Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu, yeroo walga’iin koonyaa godhamu karaa alidilee ta’een waa’ee nama dhugaa baaneefii fedhii argisiise tokkoo odeeffannoo kennuuf gargaara. Babal’istoonni foormii duukaa bu’aa gargaara jedhu tokko ykn lama ofharkaa qabaachuu qabu. Kana malees, foormii kana Kutaa Barreeffamootaa walga’ii koonyaatii argachuun ni danda’ama. Nama fedhii argisiise kana hordofanii gargaaruun akka danda’amutti foormii kana erga guuttanii booda kutaa barreeffamaa walga’ii koonyaa ykn gara gumii keessaniitti yeroo deebitanitti barreessaa gumii keessaniif kennuu dandeessu.—Tajaajila Mootummaa, Guraandhala 2005 ful. 6 ilaali.