LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/07 ful. 6
  • Warra Abdii Kutatan Jajjabeessaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warra Abdii Kutatan Jajjabeessaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo kan Nama Jajjabeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • ‘Warra Gaddan Hundumaa Jajjabeessaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Warra Miidhaan Irra Gaʼe Jajjabeessuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Yihowaa Isa Waaqa “Jajjabinaa Hundumaa” Taʼetti Amanamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 12/07 ful. 6

Warra Abdii Kutatan Jajjabeessaa

1 Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo ammaa caalaa, yeroon itti jajjabinni namaa barbaachise hin jiru. Yesus Kiristos isa Mootii keenya ta’e faana bu’uudhaan nuyis ‘warra garaansaanii cabe [“abdii kutatan, NW”] fayyisuuf’ hojjenna.—Isa. 61:1.

2 Mala Ittiin Jajjabeessuun Danda’amu: Tajaajilli keenya akkaataa dhiheenyaa namoota jajjabeessuuf akka gaariitti irratti yaadameen dhihaachuu qaba. Namootaa wajjin waa’ee hojiiwwan hammeenyaa biyya lafaa keessatti raawwatamaa jiranii, akkasumas waa’ee barumsa sobaarratti maree goonu daangessuudhaan, abdii dhugaa Caaffata Qulqullaa’aa keessa jiruufi nama gammachiisuu isa Waaqayyo gara fuulduraatti fidurratti irra caalaa mari’achuu qabna. Kana jechuun garuu waa’ee Armaagedoon dubbachuu hin qabnu jechuu miti. Hojiin keenya wantoota lama jechuunis, “waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame, guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatuu”, akkasumas namni ‘jal’aan karaasaa isa jal’aarraa akka deebi’u’ labsuu kan of keessaa qabudha. Haata’u malee, badiisa waraanni Armaagedoon geessisu ilaalchisee akeekkachiisni nuyi dubbannu, misiraachoo ‘wangeela mootummaa’ akka hin dhageenye isaan gochuu hin qabu.—Isa. 61:2; His. 3:18; Mat. 24:14.

3 Manaa Gara Manaatti: Dhukkubaan, nama jaallatan du’aan dhabuudhaan, jal’ina isaanirratti raawwatameen, akkasumas rakkoowwan dinagdeetiin kan ka’e, namoota abdii kutatan arguun wanta baramaadha. Duuka buutota Kiristos amma taanetti, namoota tajaajilarratti argannuuf ‘oo’uufi’ akka isaanii yaannu argisiisuu qabna. (Luq. 7:13; Rom. 12:15) Caqasa rakkinasaanii wajjin walqabate tokko ykn lama kan dubbisnuuf ta’ullee, waan isaan dubbatan ‘dhaga’uutti ariifachuun’ keenya, namichi haasofsiifne yaada garaasaa akka gaariitti akka nuu ibsuuf carraa banaaf. (Yaq. 1:19) Jalqaba dhaggeeffachuun, namicha sana jajjabeessuudhaaf maal jechuu akka qabnu sirriitti hubachuuf nu gargaara.

4 Maree gochaa jirru gidduutti bakka barbaachisaa ta’etti, akkas jechuu dandeenya, “Macaafa Qulqulluurraa yaada nama jajjabeessu tokko utuun sii dubbisee natti tola.” Ilaalcha dogoggoraa namichi dubbatu hunda sirreessuuf yaaluu dhiisuudhaaf murtoo gaarii gochuun ba’eessa. Kanaa mannaa, Caaffata Qulqullaa’ootti fayyadamnee isaan jajjabeessuurratti xiyyeeffachuu qabna. Kana ilaalchisee kitaaba Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu fuula 117-121⁠rraa mataduree “Jajjabina” jedhutti fayyadamuudhaan isaan mariisisuu dandeenya. Yookiin tiraaktii Jajjabina Namoota Dhiphataniif Ta’u jedhamu namichaaf kennuudhaan yaada nama jajjabeessu achirraa kennuufii dandeessu.

5 Namoota Jajjabeessuuf Carraawwan Argattanitti Fayyadamaa: Ollaa, nama wajjin hojjettan ykn miseensa maatii jajjabinni isa barbaachisu beektuu? Namoota akkasii dhaqxee haasofsiisuudhaan Caaffata Qulqullaa’oorraa jajjabina isaanii kennuuf galma baafachuu dandeessaa? Jajjabinni maaliif akka isaan barbaachise beekuun, rakkina addaa isaan mudateef akka qophoofnu nugargaara. Obboloonni tokko tokko xalayaadhaan ykn bilbilaan namoota jajjabeessaniiru. Jaalalli dhugaa namootaaf qabnu akka isaaniif yaannuufi Caaffata Qulqullaa’oorraa jajjabina isaan barbaachisu akka isaanii kenninu nukakaasa.—Luq. 10:25-37.

6 Eeyyee, nuyi hojiin warra boo’aniifi akka jajjabeessinu, namoota gaddan jajjabeessuufi abdii ifaa gara fuulduraa akka qabaatan taasisuu nuu kennameera. Kun jajjabina namoonni addunyaa maratti argaman barbaadanidha. Wantoota gaggaarii hedduu Waqayyo abdachiise gamma chuudhaan himuun namoota garaa qajeelaa qabaniif jajjabinaafi abdii kan argamsiisudha. Yeroo hundumaa ‘warra garaansaanii cabe [“abdii kutatan,” NW]’ jajjabeessuun barbaachisaa akka ta’e haayaadannu.—Isa. 61:1.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi