LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/08 ful. 4
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoota Dhaabbilee Namoota Kunuunsan Keessa Jiraatan Yaadadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Addaan Baafamanii Jiraataniyyuu Hin Irraanfataman
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Gargaarsa Namoota Hospitaala Keessaa Hojjetanii fi Dhiphataniif Taʼu
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Tajaajila Mootummaa—2008
km 4/08 ful. 4

Saanduqa Gaaffii

◼ Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko hospitaala dhaabbilee amantiitiin hojjetamanitti yaalamuun ykn bakka namoonni dullooman itti kunuunfamanitti galuunsaa sirriidhaa?

Dhaabbileen amantii hedduun hospitaalota bakka namoonni itti yaalaman ykn yeroo dheeraaf itti kunuunfaman ijaaruu danda’u. Walumatti qabaatti, dhaabbileen kun fedhiiwwan Baabilon Guddittii babal’isuuf kan hundeeffaman miti. (Mul. 18:2, 4) Kanaa mannaa amantii sanaaf gargaarsa qarshii argamsiisuuf hundeeffaman ta’a. Yeroo har’aatti hospitaalonni baay’een bara dheeraa dura dhaabbilee amantiitiin hundeeffamuunsaanii kan beekamu maqumasaaniin qofadha, kaan garuu ammayyuu hojiiwwan tokko tokko kan raawwatan luboota ta’uu danda’a.

Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko hospitaala ykn bakka namoonni itti kunuunfamaniifi dhaabbilee amantii wajjin walitti dhufeenya qaban dhaquuf dhiisuusaa ilaalchisee, ofumasaatii murteessuu qaba. Isa tokkoof yaanni garaasaa akka deemu kan heyyamuuf si’a ta’u, isa kaaniifimmoo akka hin dhaqne dhorkuu danda’a. (1 Xim. 1:5) Haalawwan murtoo namni tokko godhurratti dhiibbaa geessisan tokko tokko kan jiran si’a ta’u, kanas qoruun gaariidha.

Fakkeenyaaf hospitaalli ykn bakki namoonni dullooman itti kunuunfamaniifi maqaa amantiitiin waamamu qofatu naannoo sana jira ta’a. Yookiin dhaabbanni kan biraan dhihoo jiraatuyyuu tajaajila gaarii kan kennu isa maqaa amantiitiin waamamu sana ta’uu danda’a. Hospitaalli maqaa amantiitiin waamamu kun meeshaa dhukkuba tokko yaaluuf gargaaru kan qabu isa qofa yeroo ta’u ykn doktoorri haala fayyaakee hordofu achi keessaa hojjeta ta’a. Akkasumas hospitaalonni dhaabbilee amantii wajjin walitti dhufeenya qaban ejjennoo ati yaalii fayyaa dhiigatti fayyadamuuf qabdu sii kabajanis, kan dhuunfaa ykn kan mootummaa tokko tokko garuu ejjennookee sii hin kabajan ta’a. Kanaaf bakka kamitti yaalamuu akka qabdu yeroo murteessitu wantoonni irratti yaaduu qabdu tokko tokko jiru.

Hospitaala ykn bakka namoonni dullooman itti kunuunfamaniifi amantii wajjin walitti dhufeenya qabanitti fayyadamuuf yeroo murteessitu, tajaajila sii godhameef gatii akka baastetti lakkaa’uu dandeessa. Akkasumas dhaabbanni amantii kun daldala geggeessaa akka jiruufi atis faayidaan dhaabbata kanarraa argattu kallattiin amantii sobaa deggeruuf jedhamee akka hin taane gootee ilaalta ta’a. Mi’a tokkoof ykn tajaajila sii godhameef gatii akka baaste qofa gootee ilaaluu dandeessa.

Kiristiyaana waan taateef, wantoota akkasii yeroo murteessitu sochiiwwan amantii sobaa wajjin wal qabatan tokkoyyuu akka hin raawwanne of eeggannoo gochuu qabda. Akkasumas maqaawwan amantii kan akka “Abbaa” ykn “Siistar” jedhaman namoota dhaabbata sana keessaa hojjetan ykn daawwachuu dhufan ittiin waamuu hin qabdu. (Mat. 23:9) Yaalii ykn tajaajila tokko argachuuf jecha malee waan biraatiif akka hin dhaqne mirkaneessuu qabda.

Hospitaala sana ciistee yaalamuuf yeroo galmeeffamtu Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taateefi jaarsoliin gumiikee dhufanii akka si gaafatan akka barbaaddu isaanitti himuu dandeessa. Kunis yeroo achi turtu gargaarsa hafuuraa argachuuf si dandeessisa.—1 Tas. 5:14.

Miseensonni maatiikee Dhugaa Baatota ta’an, jaarsoliin ykn miseensonni gumii akka itti gaafatamummaan isaanirra jiru beekuudhaan, obboloota dulloomaniifi dhaabbilee amantii isaan kunuunsu keessa jiran keessumaa karaa hafuuraa isaan kunuunsuu qabu. Carraaqqiin gama kanaan goonuu namoota dullooman kan jajjabeessu ta’uusaarrayyuu, tajaajila amantiisaanii, ayyaanawwan amantii sobaafi sochiiwwan kaanirratti akka hin hirmaanne isaan eega.

Kana yaadatti qabachuudhaan namni tokko dhuunfaasaatti wantoota dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya qaban hunda hubachuufi hospitaala ykn bakka namoonni dullooman itti kunuunfaman isa kam akka filatu murteessuu qaba.—Gal. 6:5.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi