Namoota Dhaabbilee Namoota Kunuunsan Keessa Jiraatan Yaadadhaa
1. Namoota dhaabbilee namoota kunuunsan keessa jiraatanitti misiraachicha himuu kan qabnu maaliifi?
1 Sababii dullumaatiin kan kaʼe namoota baayʼeerra miidhaan ni gaʼa. (Lal. 12:1-7) Namoonni dullooman tokko tokko, bakka maanguddoonni itti kunuunfaman keessa waan jiraataniif manaa gara manaatti isaan argachuun yeroo hunda salphaa miti. Biyyoota warri dullooman ijoolleesaanii ykn fira kan biraa bira jiraachuunsaanii baramaa taʼettillee kun dhugaadha. Namoonni dulloomanis taʼan namoonni dhaabbilee namoota kunuunsan keessa jiraatan kaan, sochii gochuufi waa yaadachuun isaan rakkisullee, waaʼee Yihowaa barachuu, hubachuufi isa jaallachuu ni dandaʼu. “Abdii gammachiisaa” isaanitti himuuf carraaqqii gochuu kan dandeenyu akkamittiree?—Tit. 2:13, NW.
2. Teessoon dhaabbilee namoota kunuunsanii erga argamee booda, ilaaltuun olaanaa tajaajilaa maal gochuu dandaʼa?
2 Jalqabuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Teessoon dhaabbilee namoota kunuunsanii erga argamee booda, ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, babalʼistoonni gaʼumsa qaban dhaabbilee akkasii deemanii akka gaafatan gochuuf dursa fudhachuu dandaʼa. Karoora gaarii baafachuufi Yihowaatti amanamuudhaan, yeroo baayʼee tuutaan Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan gochuun ni dandaʼama.—Fak. 21:5; 1 Yoh. 5:14, 15.
3, 4. (a) Tuutaan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu yeroo barbaannutti eenyutti himuu qabna? (b) Qayyabannaadhaaf haala mijeessuu kan dandeenyu akkamitii?
3 Akkaataan qayyabannaan itti jalqabamu haala dhaabbatichaarratti kan hundaaʼedha. Dhaabbilee gurguddaa jiraattotaafi hojjettoota hedduu qabanitti, keessumsiistota gaafachuudhaan hogganaa dhaabbatichaa haasofsiisuun gaarii taʼa. Manneen xixinnoo namoonni dullooman waliin keessa jiraatanitti, jechuunis manneen jiraattonni muraasniifi kunuunsitoonni lama ykn sadii keessa jiraatanitti, abbaa manichaa haasofsiisuu wayya.
4 Fedhiidhaan yerookee aarsaa gochuudhaan namoota seenaa Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti mariʼachuu barbaadan jajjabeessaa akka jirtu ibsi. Namoota achi jiraatan keessaa torbanitti gara daqiiqaa 30tiif gareedhaan Macaafa Qulqulluurratti mariʼachuuf fedhii kan qabu jiraachuusaa gaafadhu. Barreeffamoota garaagaraatti fayyadamuu kan dandeessan taʼus, babalʼistoonni hedduun kitaaba, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu namoonni hedduun akka jaallatan ibsaniiru. Tarii barreeffamoota kana hoggantichatti argisiisuu barbaadda taʼa. Tarii hoggantichaa wajjin taʼuudhaan guyyaa, saʼaatiifi kutaa walgaʼiin itti godhamu murteessuun, akkasumas kaalaandarii dhaabbatichaarratti maxxansuun ni dandaʼama. Dhugaa Baatota Yihowaa akka taatan dubbachuu hin sodaatinaa. Yeroo akkas gootan, dhimma amantii raawwachaa akka jirtan utuu hin taʼin, Macaafa Qulqulluu akka barsiistan hoggantichaaf ibsaa.
5. Yaadawwan qayyabannicha kan nama gammachiisuufi faayidaa kan qabu gochuuf gargaaran kam faʼi?
5 Qayyabannaa Geggeessuu: Akkaataan itti qayyabannaa geggeessitu haalawwan tokko tokkoofi haala manichaarratti kan hundaaʼedha; kanaaf jijjiirama gochuuf of qopheessi akkasumas hubannaa qabaadhu. Namni qayyabannaa geggeessu sun, barreeffamoota qayyabataman baayʼinaan fiduufi qayyabannaa boodammoo deebisee sassaabuu qaba. Akkuma yeroo qayyabannaa kaanitti goonu, keeyyatoonni dubbifamuu, gaaffiin gaafatamuufi deebiin kennamuu dandaʼa. Namoonni dandeettiifi fedhii qaban, keeyyata ykn caqasa Macaafa Qulqulluu akka dubbisan afeeruun ni dandaʼama. Yeroo qayyabannaatti, nama itti dhihaatamu, ilaalcha gaarii kan qabdaniifi kan jaallatamtan taʼaa. Hogganticha heyyamsiisuudhaan darbee darbee viidiyoo Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa isa amantii Macaafa Qulqulluurratti qaban guddisu ykn barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu tokkorraa argannu ibsu isaanitti argisiisuu ni dandeessu. Qayyabannicha kadhannaa gabaabaa taʼeen banuufi cufuun ni dandaʼama taʼa. Babalʼistoonni tokko tokko faarfannaan Mootummichaa akka faarfatamuyyuu godhaniiru.
6. Namni tokko mormii yoo kaase maal gochuutu dandaʼama?
6 Namni achi keessa jiraatu tokko wanta yeroo qayyabannaatti dubbifame ykn yaada dubbatame tokko yoo mormehoo? Hubannaadhaan deebii kennaa. (Qol. 4:6) Tarii Macaafa Qulqulluurraa caqasa gabaabaa gaaffiisaatiif deebii kennu tokko caqasuufii dandeessu taʼa. Kana gochuun hin dandaʼamu taanaan, yaadasaa fudhattanii qayyabannicha booda dhuunfaatti deebii isaaf kennuun keessan gaariidha.
7. Jiraataan dhaabbatichaa gaaffii dhuunfaa ykn fedhii addaa yoo qabaate maal gochuu dandeessu?
7 Yeroo tokko tokko, namni bakka sana jiraatu, gaaffii gaafachuu ykn caalaatti barachuuf fedhii qabaachuu dandaʼa. Obboleettiin tokko nama akkasiitiin, “Kun gaaffii gaariidha. Taʼus gaaffii dhuunfaakeetii waan taʼeef dubbisa keenya booda aniifi ati irratti mariʼanna” jetti. Yeroo baayʼee nama fedhii argisiise tokko yeroofi haala kan biraatiin dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu isa qayyabsiisuun ni dandaʼama.
8. Qayyabannaan tuutaafi nama tokkoof geggeeffamu akkamitti lakkaaʼamuu qaba?
8 Dhugaa Baatonni warrumti tuutaan qayyabannaa jalqabsiisan sun qayyabsiisuu utuu itti fufanii gaariidha. Babalʼistoonni qayyabannaa kanarratti hirmaatan hundi, saʼaatii itti qayyabsiisan qabachuu dandaʼu. Qayyabannichi takkaa hundeeffameera taanaan, babalʼisaan qayyabannicha geggeessu yeroo tuuticha qayyabsiisuu dhaqu hundumaatti deddeebii gaaffii tokkoofi jiʼa jiʼattimmoo qayyabannaa tokko lakkaaʼuu dandaʼa. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu jiraataa dhaabbatichaa hubachuufi barachuu dandaʼuuf geggeeffamu, haaluma baramaa taʼeen lakkaaʼama.
9, 10. Namoonni hojii kanarratti hirmaatan amala akkamii qabaachuutu isaan barbaachisa? Ibsi.
9 Qayyabannicha Gargar Hin Kutinaa: Qayyabannaa tuutaan geggeeffamuuf guyyaafi yeroo ramaduun gaariidha. Jiraattonniifi hojjettoonni dhaabbatichaa yeroo hundumaa akka geggeeffamuufi saʼaatiisaatti jalqabee akka xumuramu barbaadu. (Mat. 5:37) Kanaafuu, kutannaan, ciminaan hojjechuuniifi seera qabeessa taʼuun barbaachisaadha. Muuxannoorraa hubachuun akka dandaʼamutti babalʼistoonni gaʼumsa qaban lama qayyabannicha wal duukaa yoo geggeessan baayʼee gaariidha. (Lal. 4:9, 10) Dhaabbilee gurguddaatti garuu, babalʼistoonni dabalataa barbaachisuu dandaʼu.
10 Nama itti dhihaatamu taʼuuniifi namootaaf xiyyeeffannaa kennuun gaariidha. (Filp. 2:4) Yeroo jalqaba dhaqxan, namoota isiniin dhaggeeffachuuf argaman hundaa wajjin wal baraa. Maqaasaanii galmeeffadhaatii qayyabannaa ittaanu dura yaadachuuf yaalaa. Haataʼu malee, namoonni dullooman tokko tokko namni isaan hin beekne maqaasaaniitiin yoo isaan waame aaruu dandaʼu. Obsa qabaachuuniifi gara laafinni, namni kamiyyuu akka simatamuufi akka dinqisiifamu akka itti dhagaʼamu godha.
11. Obboloonni qayyabannaa geggeessan hojjettootaafi miseensota maatii namoota kunuunfaman sanaa akka kabajan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?
11 Namoota dhaabbaticha keessa hojjetaniifi miseensota maatii namoota kunuunfaman sanaa, kabajuufi gaarummaa itti argisiisuun barbaachisaadha. Qayyabannichi takkaa erga hundeeffamee booda, hogganaa dhaabbatichaa waliin utuu hin mariʼatin yeroofi akkaataa qayyabannaan sun itti geggeeffamu jijijjiiruun gaarii miti. Yeroo tokko tokko hogganaan dhaabbatichaa haala qayyabannichi itti geggeeffamurratti yaada akka isinii kennu gaafadhaa. Qayyabannaarra utuu jirtanii miseensonni maatii namoota kunuunfaman sanaa yoo dhufan isaan simadhaa. Kaayyoo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ibsaafii. Miseensotasaanii warra achi keessa jiraataniif iddoo guddaa akka kennitan mirkaneessaafii. Taaʼanii akka qayyabanicha dhaggeeffatan afeeraa.
12, 13. Dhaabbata namoota kunuunsu keessatti lallabuun faayidaa akkamii akka qabu muuxannoowwan argisiisan dubbadhaa.
12 Buʼaasaa: gabaasni daawwattoota olaanaafi gumii akka mulʼisutti, buʼaan tajaajila akkasiirraa argamaa jiru baayʼee kan nama jajjabeessudha. Fakkeenyaaf yeroo tokko marii jalqaba godhamerratti jiraattonni dhaabbatichaa gara 20 taʼan argamaniiru. Kunimmoo yeroo booda isaan keessaa namoonni dhuunfaatti qayyabatan jaʼa akka argaman gumaacha godheera. Isheen tokkommoo yeroo booda cuuphamteetti. Qayyabannaan mana tokko keessatti godhamemmoo, jaartiin waggaa 85 taʼan tokko gumii naannoosaaniitti argamurratti akka hirmaataniifi cuuphamuuf fedhii qabaachuusaanii akka dubbatan godheera. Dhaabbanni tokko sochiisaarratti jijjiirama tokko tokko gochuuf yeroo murteessetti, Dhugaa Baatonni Yihowaa qayyabsiisuu akka dhaaban godhee ture; yeroo kanatti jiraattonni dhaabbatichaa hoggantichatti iyyataniiru! Yeroo booda qayyabannaan sun deebiʼee kan jalqabame siʼa taʼu, namoonni 25 hanga 30 taʼan irratti argamaniiru.
13 Jaalalli nuti namoota dhaabbilee namoota kunuunsan keessa jiraatanitti argisiisnu, namoota achi keessa jiraatan qofa kan harkisu miti. Fakkeenyaaf, hojjettoonni dhaabbilee akkasii taaʼanii dhaggeeffachuufi qayyabannicharratti hirmaachuunsaanii kan baramedha. Namoota dhaabbata namoota kunuunsu keessa jiraniif xiyyeeffannaa kennuuf yaaliin nuti goonu, hawaasa biratti waaʼee keenya dhugaa baʼa. (1 Phe. 2:12) Bulchaan tokko kaayyoon qayyabannichaa erga itti himamee booda, “Hanga ammaattiyyuu maaliif turtan? Yoom jalqabuu dandeessu?” jedhaniiru. Hoggantuun tokkos akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Qayyabannaan kun dhaabbata namoota kunuunsu hundumaa keessatti utuu godhamee gaarii natti fakkaata. Dhuga Baatonni Yihowaa hojii kana akka kutaa tajaajilasaanii isa hawaasicha keessatti raawwataniitti ilaalu.” Dhaabanni namoota dullooman kunuunsuufi Haawaayi keessatti argamu tokko, hojii gaarii isaan hojjetaniif waraqaa ragaa obboloonni fedhiidhaan hojjetan sun namoota dhaabbaticha keessa jiraniif “qabeenyaa gatii guddaa qabu” taʼuusaanii ibsu, Dhugaa Baatota Yihowaatiif kenneera.
14. Namoota dhaabbata namoota kunuunsu keessa jiraatan gargaaruuf carraaquu kan qabnu maaliifi?
14 Yihowaan maanguddoonni akka isa jajatan afeereera. (Far. 148:12, 13) Afeerriin kun namoota dhaabbata namoota kunuunsu keessa jiranis kan dabalatudha. Naannoo keessan keessa dhaabbileen namoota kunuunsaniifi maanguddoonni misiraachicha dhagaʼuudhaan fayyadamuu dandaʼan keessa jiraatan jiruu? Gargaarsa jaarsolii gumiifi hoggantoota dhaabbilee kanaatiin, namoota kanatti misiraachoo himuun ni dandaʼama taʼa. Namoota dullooman yeroo yaadannu fakkeenya Yihowaa hordofaa jirra.—Far. 71:9, 18.