LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/08 ful. 6
  • Namoota Gaddan Jajjabeessaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoota Gaddan Jajjabeessaa
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Nama Jaallannu Yeroo Duʼaan Dhabnu
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • ‘Warra Gaddan Hundumaa Jajjabeessaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Warra Abdii Kutatan Jajjabeessaa
    Tajaajila Mootummaa—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 4/08 ful. 6

Namoota Gaddan Jajjabeessaa

1 Namoota jaallatan du’aan dhabuun keessumaa warra abdii Mootummichaa hin qabne baay’ee kan gaddisiisudha. (1 Tas. 4:13) Namoonni hedduun: ‘Namni maaliif du’a? Yeroo du’u eessa dhaqa? Nama ani jaalladhuufi du’aan dhabe deebi’ee nan argaa?’ jedhanii gaafatu. Namoota tajaajilarratti argannuufi firasaanii ykn michuusaanii du’aan dhabuusaaniitiin gaddan jajjabeessuuf yaadawwan gargaaran tokko tokko armaan gaditti dhihaataniiru.—Isa. 61:2.

2 Manaa Gara Manaatti: Namni haasofsiifnu tokko maatiisaa keessaa namni akka du’e nutti hima ta’a. Yeroo deemne sanatti boo’aa jiraa? Mana sana keessa firoonni gaddan baay’een jiruu? Yeroo kanatti sa’aatii dheeraaf lallabuuf yaaluun gaarii ta’uu dhiisuu danda’a. (Lal. 3:1, 7) Tarii gadda keenya ibsuudhaan tiraaktii, barruu ykn birooshura isaaf ta’u kenninee deemuu dandeenya. Yeroo mijataa ta’e garabiraattis deebinee dhaquudhaan Macaafa Qulqulluurraa yaada nama jajjabeessu hiruufii dandeenya.

3 Yeroo garabiraattimmoo, guyyuma haasofsiifne sana maree dheeraa gochuu akka dandeenyu hubanna ta’a. Yeroon kun yeroo ilaalchasaanii isa dogoggora ta’e itti sirreessinu ta’uu baatus, abdii Macaafni Qulqulluun du’aa ka’uu ilaalchisee ibsu isaaniif dubbisuu dandeenya. (Yoh. 5:28, 29) Yookiin haala namoonni du’an irra jiran ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun ibsu isaanitti argisiisuu dandeenya. (Lal. 9:5, 10) Seenaan Macaafni Qulqulluun du’aa ka’uu ilaalchisee ibsu tokko isaan jajjabeessuu danda’a. (Yoh. 11:39-44) Filannoon kan biraas Iyoob inni amanamaan abdii Yihowaarratti qabu ilaalchisee wanta inni dubbate dubbisuu ta’uu danda’a. (Iyo. 14:14, 15) Namicha sana biraa deemuukee dura birooshuroota Yeroo Duunu Maal Taana?, Namni Jaallattan Yeroo Du’u ykn birooshura kan biraa ykn tiraaktii kennuufii dandeenya. Yookiin kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu isaaf kennuudhaan barumsa boqonnaa 6⁠rratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan, yeroo deebinee dhaqnu irratti mari’achuuf qophii gochuu dandeenya.

4 Yeroowwan Garabiraatti: Sirni awwaalchaa Galma Mootummaatti yoo godhame namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane ni argamuu? Taanaan barreeffamoota nama jajjabeessan kennuufiin ni danda’ama. Al tokko tokko beeksisni sirna awwaalchaa ilaalchisee gaazexaarratti ba’u, miseensota maatii gaddarra jiraniif xalayaa gabaabaa nama jajjabeessu barreessuuf carraa kan banudha. Yeroo tokkotti namichi haati manaasaa jalaa duute tokko intalasaa wajjin xalayaa tiraaktonni keessa jiru erga isaan ga’ee booda, mana babal’isaa tokkoo dhaqanii: “Ati nama xalayaa kana naa erge mitii? Ani waa’ee Macaafa Qulqulluu caalaatti beekuun barbaada” jedheen. Namichi kuniifi intallisaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf kan walii galan si’a ta’u, walga’iiwwan gumiirrattis argamuu jalqaban.

5 Lallabni 7:2: “Mana cidhaa dhaquu mannaa, mana gaddaa dhaquu wayya” jedha. Yeroo baay’ee namni gaddarra jiru nama cidharra jiru caalaa Dubbii Waaqayyoo dhaggeeffachuuf fedha cimaa qabaata. Hundi keenya namoota warra jaallatan du’aan dhabuusaaniitiin gaddan jajjabeessuuf carraawwan mijaa’aa ta’an hubachuuf dammaqoo ta’uu qabna.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Namoota gaddan jajjabinni kan isaan barbaachisu maaliifi?

2. Namni haasofsiifne sun gaddarra akka jiru yoo nutti hime, yeroo mara sa’aatii dheeraaf isaaf lallabuu yaaluu qabnaa?

3. Haallisaa kan heyyamu taanaan nama gadde tokkoof caqasawwan warra kam argisiisuu dandeenya?

4. Yeroowwan garabiraa namoota itti jajjabeessuu dandeenyu kamfa’i?

5. Namoota warra jaallatan du’aan dhabuusaaniitiin gaddan jajjabeessuuf carraawwan mijaa’aa ta’an hubachuuf dammaqoo ta’uu kan qabnu maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi