Qayyabannaan Dhuunfaafi Maatii Barbaachisaadha!
1 Akkuma jaarraa tokkoffaa, Qaamni Olaanaa, nageenya saba Yihowaatiif baay’isee yaada. (HoE. 15:6, 28) Rakkinni guddaan haalaan sodaachisaa ta’e dhihaachaa yeroo jiru kanatti, tokkoon tokkoon babal’istoonni Mootummichaa Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Waggoota kanaan dura darbanitti sa’aatii Qayyabannaa Kitaabaaf ramadamanitti akkamitti itti fayyadamuuf yaaddeetta? Hundumtuu qayyabannaa maatiif akka oolchan jajjabeeffamaniiru. Sa’aatii kanatti akka gaariitti fayyadamuun, Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qo’achuufi barumsa inni kennurraa fayyadamuu dandeenya.—Far. 1:1-3; Rom. 11:33, 34.
1. Yeroo ammaatti Qaamni Olaanaa haala adda ta’een kan nuu yaadu akkamitti? Akkas kan jennu maaliifi?
2 Qayyabannaa Maatii: Mataa maatii kan ta’an, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu maatii akka gaariitti itti yaadameefi sagantaa dhaabataa qabaachuu ilaalchisee, Yihowaa duratti waan itti gaafatamaniif dirqama isaanirra jiru akka raawwataman jajjabeeffamaniiru. (Kes. 6:6, 7) Obboloonni qeentee ta’aniifi itti gaafatamummaa maatii hin qabnes, sa’aatii kana qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaafi qorannaa gochuuf itti fayyadamuu danda’u. Hundi keenya “guyyoota gadhee” keessa jiraannu kanatti, ‘yeroo nuuf kenname utuu hin dabarsin’ qayyabannaafi xiinxaluuf itti fayyadamuudhaan, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuun baay’ee barbaachisaadha.—Efe. 5:15, 16.
2. Qayyabannaa maatii gochuuf sagantaa akkamii baafachuu dandeenya?
3 Wanta Qayyabatamu: Qayyabannaan maatiin gootan kan nama gammachiisu akka ta’uuf, Indeeksii Barreeffamoota Masaraa Eegumsaa ykn Wochtaawar Laayibirarii CDtti fayyadamuun qo’annaa gochuun isin gargaaruu danda’a. Matadureewwan Masaraa Eegumsaarratti yeroo mara ba’an kan akka, “Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?,” “Ijoollee Keessan Barsiisaa” akkasumas “Dargaggootaaf” jedhan maatiidhaan qayyabachuun ni danda’ama. Akkasumas barruun Dammaqaa! walittaansuun mataduree “Gaaffii Dargaggootaa” jedhuun yaada hawwisiisaa waa’ee wantoota uumamaa dinqisiisoo ta’an qabatanitti fayyadamuun ni danda’ama.
4 Macaafa Qulqulluu qalbiidhaan waliin dubbisuun, miseensonni maatii hundi seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka yaadataniifi hojiirra akka oolchan isaan gargaara. (Ibr. 4:12) Yeroo kan biraattimmoo, viidiyoowwan jaarmiyaa Yihowaatiin qophaa’an ilaaluufi irratti mari’achuu dandeessu. Maal akka qayyabatamuufi akkamitti akka qayyabatamu filachuuf dammaqaa ta’uun barbaachisaadha. Wanta miseensota maatiikee gammachiisu maaliif hin gaafattu?
3, 4. Qayyabannaaf barreeffamoota kam fa’itti akka fayyadamnu yaanni nuu dhihaateera? Wanti yaadachuu qabnu maalidha?
5 Yeroo Ammatti Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi? Hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuun, ‘jabaannee dhaabachuudhaan gocha Yihowaan nu fayyisuuf raawwatu ilaaluuf’ nu gargaara. (Bau. 14:13, NW) Warra kan ta’an, “dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate gidduutti” ijoollee guddisuuf qajeelfama Waaqayyoo argachuun isaan barbaachisa. (Filp. 2:15) Ijoolleen amala mana barumsaatti haalaan manca’aa jiruufi dhiibbaa isaanirraan ga’u danda’anii akka jala ba’aniif gargaarsi isaan barbaachisa. (Fak. 22:3, 6) Hiriyoonni gaa’elaas Yihowaa wajjin ‘fo’aa dachaa sadiin walitti fo’ameen’ gaa’elasaanii cimsachuu qabu. (Lal. 4:12) Egaa yeroo keenya isa hafetti akka gaariitti fayyadamuun, ‘amantii keenya isa qulqulluudhaan’ of haa ijaarru!—Yih. 20.
5. Yeroo ammaatti qayyabannaan Macaafa Qulqulluu dhuunfaafi maatii baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?