Wanta Gati Jabeessa Namaaf Hirru Qabna
1 Dubbiin Waaqayyoo barumsawwan gati jabeessa ta’aniifi bakka guddaa kennuufii qabnuun kan guutamedha. (Far. 12:6; 119:11, 14) Yesus yeroo tokko waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee fakkeenya addaddaan erga dubbatee booda, ergamootasaa, “Kana hundumaa hubattaniittuu ree?” jechuun gaafatee ture. Wanti inni dubbate kun akka isaanii gale erga hubatee booda akkas jedheen: “Kanaaf barsiisaan seera durii mootummaa waaqaatiif bartuu ta’ee qopheeffame hundinuu, abbaa manaa isa mana mi’a isaatii keessaa waan haaraa fi waan moofaa gad baasu fakkaata.”—Mat. 13:1-52.
2 Dhugaan Macaafa Qulqulluurraa jalqaba yeroo qayyabachuu eegalle arganne, akka wanta gati jabeessa moofaatti ilaalamuu danda’a. Qayyabannaa dhuunfaatiin Dubbii Waaqayyoo isa gad fagoo qorachaa ennaa adeemnu, dhugaa Macaafa Qulqulluu gati jabeessa ta’e haaraa arganna. (1 Qor. 2:7) Akkasumas karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ barumsa haaraa arganna.—Mat. 24:45.
3 Barumsawwan hafuuraa gati jabeessa ta’an warra haaraafi moofaaf bakka guddaa kennina. Kunis Macaafa Qulqulluu waan barsiisnuuf dhugaawwan akka wanta gati jabeessaatti ilaalaman namootaa hiruuf leenjiifi muuxannoo argachuuf akka carraaqnu nu kakaasa.
4 Fakkeenya Yesusirraa Baradhaa: Yesus lafa fagoo deemee namootaaf hiruudhaan dinqisiifannaa wanta gati jabeessa kanaaf qabu argisiiseera. Yeroo dadhabettillee wanta gati jabeessa kana “gombisaa” isaa keessaa hammaaruu hin dhaabne.—Yoh. 4:6-14.
5 Jaalalli Yesus namoota karaa hafuuraa hiyyeessa ta’aniif qabu, dhugaa Waaqayyoo isa lubbu baraarsaa ta’e isaanii hiruuf isa kakaaseera. (Far. 72:13) Namoota waa’ee Waaqayyoofi kaayyoosaa barachuu barbaadaniif oo’a argisiisuun ‘waan baay’ee isaan barsiiseera.’—Mar. 6:34.
6 Yesusiin Hordofaa: Akkuma Yesus wanta gati jabeessa ta’e qabnuuf dinqisiifannaa guddaa qabaannaan, beekumsa kana Macaafa Qulqulluurraa namootatti argisiisuuf fedhii guddaa qabaanna. (Fak. 2:1-5) Al tokko tokko dadhabbiin nutti dhaga’amus, dhugaa Caaffata Qulqullaa’aarra jiru miira ho’aan dubbanna. (Mar. 6:34) Dinqisiifannaa guddaan wanta gati jabeessa qabnuuf argisiisnu, hamma dandeenye tajaajilarratti garaa guutuun hirmaachuuf nu kakaasa.