Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
Biyyi lafaa kun bara baraaf akka jiraatu nu amansiisuu barbaada. Dubbiin Waaqayyoo garuu yaada kanarraa faallaa ta’e nutti hima. (1 Yoh. 2:15-17) Macaafni Qulqulluun, badhaadhummaa lafarratti walitti qabachuun gatii kan hin qabne ta’uusaa akka hubannu nu gargaara. Saba Waaqayyoo jajjabeessuuf jecha, sagantaan walga’ii aanaa waggaa tajaajilaa 2007 mataduree “‘Badhaadhummaa Waaqarratti Walitti Qabadhaa’” jedhuun qophaa’eera.—Mat. 6:20.
Guyyaa Jalqabaa: Biyya lafaa rakkinaan guutame kana keessatti fedhii Mootummichaatiif dursa kennuun kan danda’amudhaa? Simpooziyamiin jalqabaa, rakkoowwan adda addaa yoo nurra ga’aniyyuu fedhii Mootummichaa akka dursinu nu jajjabeessa. Haasawaan lamaan ittaananii dhihaatan, karaa hafuuraa badhaadhota ta’uun caalmaa akka qabuufi tajaajila keenya raawwachuuf Yihowaatti amanamuu akka qabnu ibsa.
Guyyaa Lammaffaa: Yeroo, humnaafi qabeenya keenya karaa itti fayyadamnurratti filannaa akkamii gochaa jirra? Wantoota kanatti sirriitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e simpooziyamii lammataarraa hubanna. Haasawaan sabaa, yeroo ammaatti tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabnu kan ibsudha. Haasaawwan gara xumuraatti dhihaatan, wantoota dursa kennuufii qabnu akka hubannu nu gargaaru.
Sagantaa guyyaa lamaaf nyaanni hafuuraa hedduun irratti dhihaatu kanarratti argamuun keenya, ‘badhaadhummaa waaqarratti akka walitti qabannu’ nu jajjabeessa.