LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/09 ful. 1
  • Tajaajilakee Bal’ifachuu Dandeessaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tajaajilakee Bal’ifachuu Dandeessaa?
  • Tajaajila Mootummaa—2009
Tajaajila Mootummaa—2009
km 7/09 ful. 1

Tajaajilakee Bal’ifachuu Dandeessaa?

1. Tajaajilaaf miira ariitii akkami argisiisuu nu barbaachisa? Ariifachiisaa kan ta’e maaliifi?

1 Yesus namoota hedduu misiraachoo Mootummichaaf fedhii argisiisan waan hubateef bartootasaa, “hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” jedhee ajaje. (Mat. 9:37, 38) Yeroon keessa jirru xumura sassaabi midhaanii waan ta’eef, hojiin keenya yeroo kamiyyuu caalaatti ariifachiisaadha. Kana jechuunimmoo, tajaajila keenya caalaatti akkamitti raawwachuu akka dandeenyu kadhannaadhaan itti yaadu qabna jechuudha.—Yoh. 14:13, 14.

2. Babal’istoonni tokko tokko waamicha hojjetoota dabalataaf godhameef deebii akkami kennaniiru?

2 Karaa Tajaajilarratti Caalaatti Hirmaachuun Danda’amu: Gargaarsaafi qajeelfama Yihowaatiin, obboloonni hedduun qajeelchaa ta’u danda’aniiru. (Far. 26:2, 3; Filp. 4:6) Babal’istoonni tokko tokko waggaatti takkaa ykn isaa ol qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluuf carraaqqii addaa godhaniiru. Kunimmoo caalaatti tajaajilasaanii akka bal’ifatan isaan gargaareera. Gammachuun qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan argatan, baay’eensaanii qajeelchitootaa ta’uuf akka yaadan isaan kakaaseera.—HoE. 20:35.

3. Kanaan dura qajeelchaa kan turte taanaan amma maal yaaddaa?

3 Ammas Qajeelchaa Taatee Tajaajilu Dandeessaa?: Kanaan dura qajeelchaa kan turte taanaan, yeroon sun yeroo si gammachiise akka ture akka yaadattu homaa hin shakkisiisu. Ammas kadhannaadhaan itti yaaduudhaan qajeelchaa ta’uu dandeessaa? Wantoonni yeroos qajeelchaa taatee akka hin tajaajille si taasisan amma hin jiran ta’a. Amma garuu qajeelchaa taatee tajaajiluuf carraa argatteetta.—1 Yoh. 5:14, 15.

4. Hunda keenyaaf carraan addaa akkamii banameera?

4 Hojiin sassaabbii miidhanii yeroo ammaa akka gaariitti hojjetamaa kan jiru si’a ta’u, yeroo dhi’oottimmoo guutummaatti ni xumurama. (Yoh. 4:35, 36) Hundi keenya haala amma keessa jiru qoruudhaan, tajaajila keenya babal’ifachuuf sirreeffama gochuu dandeenya. Yookiin tajaajila keenya bal’isuu akka hin dandeenye sirriitti erga qorre booda, karaan caalaatti bu’a qabeessa ta’uu dandeenyu jiraa? (Mar. 12:41-44) Namoonni yeroo ammatti haallisaanii mijaa’aa ta’e, karaa kanaan Yihowaa tajaajiluuf mirga addaa argataniiru!—Far. 110:3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi