Namoota Macaafa Qulqulluu Qayyabsiistan ‘Lubbuu Keessan Isaaniin Ga’aa’
1. Nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu tokko gargaaruun maal gochuu gaafata?
1 Nama Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko sadarkaa mataasaa murteessuurra akka ga’u gargaaruun, yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu isa qayyabsiisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Phaawulos ergamaan walitti dhufeenya namoota barsiisaa turee wajjin qabu, haadha ijoolleeshee kunuunsituu wajjin wal bira qabee ibseera. Nuyis, namoonni qayyabsiisnu karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruuf, “lubbuu keenya” isiniin ga’uun nu gammachiisa.—1 Tas. 2:7-9.
2. Namoota qayyabsiisnuuf akka yaannu argisiisuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuuhoo kan dandeenyu akkamitti?
2 Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa: Namni Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko wanta barate hojiirra oolchuu yeroo jalqabu, yaanni garaasaa hariiroo hiriyootasaa seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hin hordofnee wajjin qabu akka dhiisu isa kakaasuu danda’a. (1 Phe. 4:4) Maatiinsaas isa gananii ta’uu danda’a. (Mat. 10:34-36) Nuyi garuu garaadhaa akka isaaf yaannu argisiisuudhaan, qofummaan akka isatti hin dhaga’amne gochuu dandeenya. Misiyooniin muuxannoo qabu tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Qayyabannaa yeroo xumurtan daftanii hin deeminaa. Barbaachisaa taanaan, takka turaatii yeroo muraasaaf isaa wajjin haasa’aa.” Karaa nama qayyabsiistan sana itti gargaartan argachuuf dammaqoo ta’aa. Fakkeenyaaf, yeroo isaan dhukkubsatan bilbiluufii ykn dhaqxanii isaan gaafachuu ni dandeessuu? Barbaachisaa taanaan, walga’iiwwanirratti isaanii wajjin taa’uudhaan ijoolleesaanii qabuufii ni dandeessuu?
3. Namoonni qayyabsiisnu gumiirraa jajjabina akka argatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
3 Gargaarsa Gumiirraa Argamu: Naannoo namoota qayyabsiistu sanaa tajaajilaa jirta taanaan, yeroo xinnoof dhaqxee isaan gaafachuudhaan, nama sii wajjin tajaajilaa jiru wajjin maaliif wal isaan hin barsiistu? Kan danda’amu taanaan, jaarsolii dabalatee babal’istoota addaddaa afeeruudhaan qayyabannaa keessanirratti akka argaman gochuu dandeessa. Akkasumas, akkuma qayyabannaa jalqabsiisteen walga’ii gumii Galma Mootummaatti godhamurratti akka argaman isaan jajjabeessi. Kunis, miseensota gumii maatiisaa hafuuraa ta’uu danda’anii wajjin akka walitti dhihaatan isaan gargaaruu danda’a.—Mar. 10:29, 30; Ibr. 10:24, 25.
4. Carraaqqiin keenya nu kiisuu kan danda’u akkamitti?
4 Warri ijoolleesaanii karaa hafuuraa gargaaruuf carraaqqii guddaa godhan, ijoolleensaanii Yihowaa cina yeroo dhaabataniifi karaa dhugaarra yeroo deddeebi’an arguun baay’ee isaan gammachiisa. (3 Yoh. 4) Nuyis, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuuf lubbuu keenya ga’uudhaan gammachuu akkasii argachuu dandeenya.