LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/12 ful. 1
  • Wanta Hojjettanitti Gammadaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Hojjettanitti Gammadaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Namoota ‘Jabaatanii Dhaabachuudhaan Firii Godhatan’ ni Jaallata
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • ‘Kan Guddisu Waaqayyodha!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Abdii hin Kutatinaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • ‘Firii Hedduu Godhachuu Keenya Itti Fufuu’ kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2012
km 11/12 ful. 1

Wanta Hojjettanitti Gammadaa

1. Hinaaffaa tajaajilaaf qabnu nu jalaa qabbaneessuu kan dandaʼu maalidha?

1 Namni kan uumame ‘wanta hojjetutti akka gammadu’ godhameeti. (Lal. 2:24) Haataʼu malee tajaajila keenyarraa buʼaa gaarii waan dhabneef abdii kutachuun keenya, gammachuu nu dhabsiisuufi hinaaffaa keenya qabbaneessuu dandaʼa. Gama kanaan ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

2. Namoonni hundi misiraachicha ni fudhatu jennee eeguu kan hin qabne maaliifi?

2 Namoonni Hundi Misiraachicha Ni Fudhatu Jettanii Hin Eeginaa: Namoonni ergaa Yesus lallabaa ture fudhatan muraasa taʼaniyyuu, tajaajilasaarratti milkaaʼina argatee akka ture yaadadhaa. (Yoh. 17:4) Yesus fakkeenya waaʼee nama sanyii facaasuu dubbaterratti, garaan namoota hedduu, ergaa Mootummichaa isa sanyiitti fakkeeffame akka hin fudhanne raajii dubbateera. (Mat. 13:3-8, 18-22) Haataʼu malee, carraaqqii cimaan goonu faayidaa guddaa argamsiisa.

3. Namoonni hedduun ergaa Mootummichaa fudhachuu baatanis, ‘ija godhachuu’ kan dandeenyu akkamitti?

3 Ija Hedduu Godhachuu Kan Dandeenyu Akkamitti? Akkuma fakkeenya Yesus dubbaterratti ibsame, namoonni ergaa Mootummichaa fudhatan ‘ija godhatu.’ (Mat. 13:23) Qamadiin tokko ija godhateera kan jedhamu, yommuu biqilee hagadaansaa guddatu utuu hin taʼin, yommuu sanyii haaraa godhatudha. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni tokko buʼaa gaarii argateera kan jedhamu, yommuu bartuu haaraa fidu utuu hin taʼin, waaʼee Mootummichaa irra deddeebiʼee dubbachuudhaan sanyii haaraa yommuu facaasudha. Kunimmoo namoonni ergaa kana fudhatanis fudhachuu baatanis, hojii kana raawwachuu keenyaan ‘gammachuu’ guddaa akka argannu godha. Yeroo akkas goonu, maqaan Yihowaa qulqulluu taʼee akka eegamu gochuurratti gaʼee keenya raawwachaa jirra. (Isa. 43:10-12; Mat. 6:9) Akkasumas, mirga Waaqayyoo wajjin hojjechuuf argannetti gammadaa jira. (1 Qor. 3:9) ‘Wanti afaan keenya keessaa baʼu’ akkasiimmoo Yihowaa ni gammachiisa.—Ibr. 13:15, 16.

4. Utuu nuyi hin beekin tajaajilli keenya buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa?

4 Kana malees, hojiin keenya buʼaa nuti hin argine argamsiisuu dandaʼa. Namoonni Yesus lallabeef tokko tokko, hanga inni tajaajilasaa lafarraa xumuree gara samiitti deebiʼutti, bartootasaa hin taane turan. Haaluma walfakkaatuun, sanyiin Mootummichaa nuyi facaasnu, garaa nama tokkoo keessatti hamma hiddaa godhatee guddatutti yeroo fudhachuu waan dandaʼuuf, namni sun utuu nuyi hin beekin gara dhugaatti dhufuu dandaʼa. Dhugumayyuu tajaajilli keenya hojii gammachuu guddaa argamsiisudha. Kanaaf, “ija baayʼee godhachuu” keenya itti fufuudhaan, bartoota Yesus taʼuu keenya haa mirkaneessinu.—Yoh. 15:8.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi