Fakkeenya Raajotaa Fudhadhaa—Yo’el
1. Yommuu lallabnu gad of deebisuurratti fakkeenya Yo’el hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
1 Yo’el Raajichi eenyu ture? Kan inni ibse, “ilma Phetu’el” ta’uusaa qofadha. (Yoe. 1:1) Raajiin amala gad of deebisuu qabu kun, jabeessee kan ibse ergaa Yihowaan itti hime malee ergamaa ta’uusaa miti. Haaluma wal fakkaatuun, nutis yommuu tajaajillu galata ykn beekamummaa argachuuf hawwuu mannaa, namoonni Yihowaafi Macaafa Qulqulluurratti akka xiyyeeffatan gochuu qabna. (1 Qor. 9:16; 2 Qor. 3:5) Ergaan nuti labsinu jajjabina nuu kenna. Raajii Yo’el keessaa yeroo har’aa hinaaffaafi abdii akka qabaannu kan nu godhu isa kamidha?
2. Guyyaan Yihowaa dhihaachuunsaa maal gochuuf nu kakaasuu qaba?
2 “Guyyaan Waaqayyoo Dhi’aateera!” (Yoe. 1:15): Jechoonni kun waggoota kumaan lakkaa’aman dura kan barreeffaman ta’anis, yeroo raawwiisaanii isa dhumaa itti argatan keessa jiraachaa jirra. Haalli addunyaa manca’aa deemuunsaa, garaagarummaan babal’achuunsaafi naannoo tajaajilaa keenya keessatti mormiin nurra ga’uunsaa, guyyaan sirni hamaan kun itti badu ga’uusaa argisiisa. (2 Xim. 3:1-5; 2 Phe. 3:3, 4) Guyyaan dhumaa hammam akka dhihaate yommuu yaannu, yeroo kamiyyuu caalaa tajaajila keenyaaf dursa kennuu akka qabnu hubanna.—2 Phe. 3:11, 12.
3. Keessumaa guyyaa rakkina guddaatti yommuu dhihaachaa deemnu kanatti tajaajilarratti hirmaachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
3 ‘Waaqayyo Sabasaatiif Iddoo Baqaa In Ta’a.’ (Yoe. 3:16): Raafamuun caqasa kanarratti ibsame murtoo badiisaa Yihowaan guyyaa rakkina guddaa sanatti kennu argisiisa. Yeroo sanatti Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo ta’an akka oolchu beekuun baay’ee kan nama jajjabeessudha. (Mul. 7:9, 14) Tajaajilarratti hirmaachuudhaan Yihowaan akkamitti akka nu deggeruufi jajjabina akka nuu kennu yommuu arginu, amantiifi jabina guyyaa rakkina guddaa dhufu sanatti jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru horanna.
4. Gammaduufi yeroo gara fuulduraa amanamummaadhaan eeguu kan dandeenyu maaliifi?
4 Namoonni tokko tokko ergaa Yo’el dubbate akka gadda guddaatti kan ilaalan yoo ta’eyyuu, saba Yihowaatiif abdii fayyinaa kan kennudha. (Yoe. 2:32) Kanaaf, nutis akkuma Yo’el 2:23rratti ibsame, Yihowaa ‘gooftaa keenyatti gammaduufi ililchuu’ akka dandeenyuuf, yeroo gara fuulduraa amanamummaadhaan haa eeggannu; akkasumas misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti haa fufnu.