Fakkeenya Raajotaa Fudhadhaa—Miikiyaas
1. Miikiyaas gaaffii akkamii of gaafatee taʼuu dandaʼa? Haataʼu malee wanti inni lallabe sirriitti raawwiisaa argateera kan jennu maaliifi?
1 Miikiyaas raajichi mootummoota Israaʼeliifi Yihudaarratti yommuu ergaa firdii Yihowaa labsaa ture, ‘Dhumni sirna mancaʼaa kanaa yoom dhufa?’ jedhee gaafatee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, wanti inni lallabe kun sirriitti raawwiisaa argateera. Dh.K.D. bara 740tti jechuunis yommuu Miikiyaas lubbuudhaan turetti, raajiin Yihowaan Samaariyaan akka baddu dubbate raawwatameera. (Mik. 1:6, 7) Yeroo booda Dh.K.D. bara 607ttimmoo Yerusaalem baddeetti. (Mik. 3:12) Firdiin Yihowaa akka raawwatamu yeroo eegnu kanatti fakkeenya Miikiyaas hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
2. Guyyaa Yihowaa yommuu eeggachaa jirru kanatti obsa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Akkas gochuu kan qabnuhoo maaliifi?
2 Obsa Qabaadhaa: Miikiyaas, “Ani garuu abdiidhaan gara Waaqayyoo nan ilaala, Waaqayyo koo isa ana fayyisu nan eeggadha” jechuudhaan barreesseera. (Mik. 7:7) Haataʼu malee, hamma dhumni dhufutti harkasaa maratee taaʼee eegaa akka hin turre beekamaadha. Raajii Yihowaa waan taʼeef hojii inni isaaf kenne hinaaffaadhaan hojjeta ture. Nuyis yommuu guyyaa Yihowaa eeggachaa jirru kanatti “jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuu” qabna. (2 Phe. 3:11, 12) Obsi Yihowaa namoonni dhuunfaatti akka qalbii geddaratan yeroo isaaniif kenna. (2 Phe. 3:9) Kanaaf, gorsa Macaafni Qulqulluun obsa argisiisuudhaan fakkeenya raajotaa akka hordofnu nuu kennu hojiirra oolchuun keenya gaariidha.—Yaq. 5:10.
3. Yihowaan, hafuura qulqulluusaa akka nuu kennu cimsinee kadhachuu kan qabnu maaliifi?
3 Humna Yihowaatti Amanamaa: Miikiyaas hojiin rakkisaan yoo isaaf kennamellee, hojii kana raawwachuuf humna Yihowaatti amanameera. (Mik. 3:8) Dubbiin Yihowaa, Waaqayyo humna akka nuu kennu akka isa kadhannu nu jajjabeessuunsaa sirriidha. Inni namoota dadhabaniif humna kennuudhaan itti gaafatamummaa karaa hafuuraa qaban akka raawwatan isaan gargaara. (Far. 84:5, 7; Isa. 40:28-31) Yihowaa tajaajiluu wajjin haala wal qabateen yaanni kun dhugaa taʼuusaa jireenyakee keessatti hin arginee? Yihowaan hafuura qulqulluusaa isa humna guddaa qabu akka sii kennu yeroo hunda ni kadhattaa?—Luq. 11:13.
4. Jireenyi Miikiyaas yeroo ammaatti nuuf fakkeenya gaarii akkamii taʼa?
4 Miikiyaas jireenyasaa guutuu fedha Waaqayyoo raawwachuuf dursa kenneera. Namoota amala gadhee qabaniin kan marfame taʼus amanamaa taʼee jiraachuuf murteessee ture. Haaluma wal fakkaatuun, amanamummaan keenyas guyyaa guyyaadhaan ni qorama. Kanaaf murtoo, ‘yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin deddeebiʼuuf’ goone haa cimsannu.—Mik. 4:5.