LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/14 ful. 2-3
  • Haala Buʼa Qabeessa Taʼeen Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haala Buʼa Qabeessa Taʼeen Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisuu
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoonni Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Akka Cuuphaman Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Lama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • ‘Ogummaa Ittiin Barsiistuuf’ Xiyyeeffannaa Kenni!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Tokko
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2014
km 12/14 ful. 2-3

Haala Buʼa Qabeessa Taʼeen Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisuu

1. Babalʼistoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessan itti gaafatamummaa akkamii qabu?

1 Namni kamiyyuu ‘yoo inni isa harkise’ malee Yihowaa tajaajiluu hin dandaʼu. (Yoh. 6:44) Haataʼu malee, babalʼistoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessan namoonni gara Abbaasaanii isa samiitti akka dhihaatan gaʼeesaanii baʼuu qabu. (Yaq. 4:8) Kun qophii gaafata. Tokkoon tokkoon keeyyataa dubbisanii, gaaffii barreeffamicharra jiru gaafachuun qofti barataan tokko ergicha akka hubatuufi guddina akka argisiisu isa hin taasisu.

2. Haala buʼa qabeessa taʼeen Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuun maalfaa dabalata?

2 Babalʼistoonni haala buʼa qabeessa taʼeen Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf, barattoonnisaanii wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu (1) akka hubatan, (2) akka fudhatan, akkasumas (3) hojiirra akka oolchan gargaaruu qabu. (Yoh. 3:16; 17:3; Yaq. 2:26) Namni tokko tarkaanfiiwwan kana akka fudhatu gargaaruun jiʼoota hedduu fudhachuu dandaʼa. Haataʼu malee tarkaanfiiwwan kun hundi namni tokko hariiroo Yihowaa wajjin qabu akka guddifatuufi akka isaaf of murteessu kan isa gargaaranidha.

3. Barsiisonni karaa buʼa qabeessa taʼeen barsiisan gaaffii ilaalchaa kan gaafatan maaliifi?

3 Yaadni Barataa Macaafa Qulqulluu Sanaa Maalidha? Barataan Macaafa Qulqulluu keenya wanta baratu hubachaafi fudhachaa akka jiru beekuuf ofii keenyaa baayʼee haasaʼuu dhiisuudhaan baratichi akka dubbatu jajjabeessuu qabna. (Yaq. 1:19) Dhimma irratti mariʼatamaa jiru ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hubachaa jiraa? Yaadicha jecha mataasaatiin ibsuu ni dandaʼaa? Wanta barate ilaalchisee maaltu itti dhagaʼama? Wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu amansiisaa akka taʼe ni amanaa? (1 Tas. 2:13) Wanti inni barachaa jiru jireenyasaa irratti jijjiirama fiduu akka qabu hubachaa jiraa? (Qol. 3:10) Gaaffiiwwan akkasiitiif deebii argachuuf gaaffii ilaalchaa malaan erga gaafannee booda, dhaggeeffachuu qabna.—Mat. 16:13-16.

4. Barataan Macaafa Qulqulluu tokko wanta barate hubachuufi hojiirra oolchuu yoo dadhabe maaltu godhamuu qaba?

4 Wanta amaleeffatame tokko dhiisuun yeroo kan fudhatudha. (2 Qor. 10:5) Barataan keenya wanta barachaa jiru tokko fudhachuu ykn hojiirra oolchuu yoo dadhabehoo maal goona? Dubbiin Waaqayyoofi hafuurri qulqulluun garaan barataa sanaa akka tuqamu gochuu akka dandaʼaniif obsuun keenya barbaachisaadha. (1 Qor. 3:6, 7; Ibr. 4:12) Baratichi barumsa Macaafa Qulqulluu tokko hubachuufi hojiirra oolchuu yoo dadhabe, dhiibbaa isarraan gaʼuu mannaa yeroo baayʼee mataduree garabiraatti darbuun gaariidha. Macaafa Qulqulluurraa obsaafi jaalalaan isa barsiisuu keenya yoo itti fufne, suuta suuta jijjiirama barbaachisaa taʼe gochuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi