LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/14 ful. 7
  • Faarfannaawwan Haaraa Waaqeffannaadhaaf Gargaaran!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Faarfannaawwan Haaraa Waaqeffannaadhaaf Gargaaran!
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Faarfannaatti Fayyadamaatii Gammachuudhaan Yihowaa Jajadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Walga’iiwwan Keenyarratti Yihowaadhaaf Faarfachuuf Qophoofteettaa?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Yihowaa Faarfadhaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2014
km 12/14 ful. 7

Faarfannaawwan Haaraa Waaqeffannaadhaaf Gargaaran!

1 Walgaʼii waggaa Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvanian qopheesseefi Onkoloolessa 4, 2014⁠tti geggeeffamerratti, kitaaba faarfannaa amma itti fayyadamaa jirru haaressuuf karoorri akka qabame beeksisni himamee ture. Kun beeksisa baayʼee nama gammachiisu ture! Namoonni walgaʼii kanarratti argaman hundi faarfannaawwan Mootummichaa waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa akka qaban yaadachiifamaniiru.—Far. 96:2.

2 ‘Kitaaba faarfannaa kana haaressuun maaliif barbaachise?’ jettanii gaafattu taʼa. Sababii hedduutu jira. Sababiin inni jalqabaa, Macaafa Qulqulluu ilaalchisee hubannaan nuti qabnu yeroodhaa gara yerootti fooyyaʼaa adeema; kunimmoo walaloowwan faarfannaawwan keenyaa kan tuqudha. (Fak. 4:18) Sababni inni kan biraan immoo, ibsiifi gaaleewwan kitaaba faarfannaa amma itti fayyadamaa jirrurratti argaman hedduun Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa maxxansa isa duraan itti fayyadamaa turrerraa fudhataman. Walaloowwan kun maxxansa isa fooyyeffamee wajjin haala walsimuun sirreeffamuu qabu. Walaloowwan kana sirreessuun hojii guddaa waan gaafatuuf, faarfannaawwan haaraa muraasa kitaaba faarfannaa keenyatti dabaluufis murteeffameera.

3 Faarfannaawwan haaraa kana faarfachuu jalqabuudhaaf kitaabni faarfannaa haaraan qophaaʼee hamma nu harka gaʼutti eeguu qabnaa? Afaan faarfannaan kun ittiin qophaaʼu hedduun eeguun isaan hin barbaachisu. Jiʼoota muraasa ittaanan keessatti, faarfannaawwan haaraa kana keessaa muraasnisaanii afaan hedduudhaan Weeb saayitii keenya jw.org jedhamurratti akka baʼan yommuu isin beeksisnu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Faarfannaa haaraan tokko Weeb saayitiirratti yommuu baʼu, xumura Walgaʼii Tajaajilaarratti ‘faarfannaa haaraa’ jedhamuudhaan akka faarfatamu saganteeffameera.

4 Faarfannaawwan Haaraa Kana Kan Barannu Akkamitti? Faarfannaa haaraa barachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Taʼus, gumii keessatti ‘calluma jechuu mannaa’ akkuma faarfatichaa walgaʼiiwwan gumiirratti faarfachuu barbaanna. (Far. 30:12) Faarfannaa haaraa barachuuf, tarkaanfiiwwan salphaa taʼan armaan gadii hordofaa.

• Faarfannaa piyaanoodhaan qophaaʼeefi Weeb saayitii keenyarratti baʼu irra deddeebiʼaa dhaggeeffadhaa. Muuziqaa sana irra deddeebitanii yoo dhaggeeffattan, salphaatti yaadachuu dandeessu.

• Walaloowwan qayyabachuudhaan yaadatti qabachuuf yaalaa.

• Muuziqaa sana banaatii walaloosaa wajjin faarfadhaa. Guutummaatti hamma qabattanitti irra deddeebiʼaa faarfadhaa.

• Waaqeffannaa Maatii godhattan irratti, maatiin keessan faarfannaawwan sana hamma qabatutti yeroo muraasaaf waliin shaakalaa.

5 Jiʼoota ittaananitti sagantaan Walgaʼii Tajaajilaa kan xumuramu faarfannaa haaraa faarfachuudhaan yoo taʼe, dura gumiin muuziqaa isa piyaanoodhaan qophaaʼe dhaggeeffata. Itti aansuudhaan dhaggeeffattoonni akkuma faarfannaawwan kaan irratti goonu, muuziqaa piyaanoodhaan qophaaʼee wajjin faarfatu.

6 Gumiirratti faarfachuun, tokkummaadhaan sagalee keenya ol kaasnee Yihowaa jajachuudhaan gammachuu argachuuf nu gargaara. Kanaaf, walgaʼiiwwan keenyarratti faarfannaan akka faarfatamu yommuu beeksifamutti, wanti akka gadi baanu nu dirqisiisu yoo jiraate malee bakka teenyuu kaanee gadi baʼuu hin qabnu.

7 Dinqisiifannaa muuziqaa waaqeffannaa keenyaaf itti fayyadamnuuf qabnu karaa garabiraas ibsuu ni dandeenya. Walgaʼiiwwan gurguddaarratti sagantaan jalqabuusaa dura muuziqaan ceʼumsaa ni dhageessifama. Waggaatti siʼa lama obboloonni fedhiidhaan of dhiheessaniifi addunyaa mararraa walitti qabaman muuziqaa namatti toluufi waaqeffannaa keenyarratti itti fayyadamnu qopheessuuf baasiisaaniitiin gara Paatarsan, Niiwu Yoorki dhaqu. Kanaaf, dura taaʼaan bakka taaʼumsaa keenya qabannee taaʼuudhaan muuziqaa qophaaʼe akka dhaggeeffannu yommuu nu afeeru akkasuma gochuu qabna. Kana gochuun keenya barumsa ittaanee dhihaatuuf garaa keenya akka qopheessinu nu gargaara.—Iz. 7:10.

8 Faarfannaawwan haaraa walgaʼii waggaa dhiheenyatti godhamerratti baʼan keessaa inni tokko, “Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe Haa Dhufu!” kan jedhudha. Faarfannaan kun keessumaa hundeeffama Mootummichaa waggaa 100⁠ffaa sababeeffachuudhaan kan qophaaʼedha.

9 Faarfannaawwan haaraan kun “waan gaarii” Yihowaa biraa arganne akka taʼan hin shakkisiisu. (Mat. 12:35a) Afaan faarfannaawwan kun ittiin qophaaʼan ni dandeessu taanaan, galataafi ulfina Yihowaadhaaf malu ittiin isaaf dhiheessuuf, faarfannaawwan haaraa kana barachuufi garaa keessanirraa faarfachuuf murteessaa!—Far. 147:1.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi