Keessummaa Simachuudhaan “Waan Gaarii” Warra Kaaniif Hiraa (Mat. 12:35a)
Hundi keenya ‘keessummoota simachuudhaan’ “waan gaarii” warra kaaniif hiruu akka barbaannu beekamaadha. (Rom. 12:13) Jaarsoliin gumii baasii geejibaa obboloonni Betʼelii dhufanii haasaa kennan baasan kaffaluufi nyaata isaan afeeruudhaan gama kanaan fakkeenya akka taʼan ajajamaniiru. Haataʼu malee, tarii namni tokko qabeenya waan hin qabneef ykn nama manasaatti afeeruun waan isa dhiphisuuf, keessummoota simachuurraa duubatti jedha taʼa. Gorsa Yesus Maartaadhaaf kenne yaadachuun keenya miira akkasii moʼuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Luq. 10:39-42) Keessummaa simachuu wajjin haala wal qabateen ‘qooda gaarii’ kan taʼe nyaata gaarii dhiheessuu ykn mana bareedaa keessatti nama simachuu utuu hin taʼin, michooma nuti uumnuufi jajjabina nuti waliif kenninu akka taʼe ibseera. Hundi keenya, gorsa kana hojii irra oolchuudhaan, wanta Macaafni Qulqulluun jedhuu wajjin haala wal simuun “waan gaarii” obboloota keenyaaf hiruu ni dandeenya.—3 Yoh. 5-8.