Humni Dubbiin Waaqayyoo Qabu Tajaajila Keessan Irratti Akka Mulʼatu Godhaa
Namni tokko misiraachicha akka isatti himnu yoo nuu heyyame, carraa kanatti fayyadamnee kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu irraa dubbisuudhaan humna Dubbiin Waaqayyoo qabu argisiisuu dandeenya. Yaanni kun walgaʼii addaa waggaa darbee irratti ibsameera. Daawwataan ol aanaa aanaa haasaa mata duree, “Humni Dubbiin Waaqayyoo Qabu Tajaajila Keessan Irratti Akka Mulʼatu Godhaa” jedhu qabu dhiheessee ture. Qabxiiwwan ijoo taʼan ni yaadattuu?
Dubbiin Yihowaa dubbii keenya caalaa humna guddaa kan qabu maaliifi?—2 Xim. 3:16, 17.
Macaafni Qulqulluun miira namaa tuquu, yaada namaa sirreessuu, hojiidhaaf nama kakaasuu fi amala namaa jijjiiruu kan dandaʼu akkamitti?—Masaraa Eegumsaa, Waxabajjii 15, 2012, ful. 27, key. 7 ilaali.
Tajaajila irratti nama tokkoof caqasa Macaafa Qulqulluu yeroo dubbisnu, karaa Macaafa Qulqulluudhaaf ulfina akka qabnu argisiisuun namni sun Dubbii Waaqayyoo irratti akka xiyyeeffatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 148, key. 3-4 fi Tajaajila Mootummaa, Bitootessa 2013 ful. 8, key. 8 ilaali.
Caqasoota dubbisnu akka gaariitti ibsuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Akkas gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?—HoE. 17:2, 3; kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 154, key. 3 hanga ful. 156, key. 4 ilaali.