LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Waxabajjii ful. 2
  • Amantiin Abdii Yihowaan Kenne Irratti Qabdu Hangam Cimaa Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amantiin Abdii Yihowaan Kenne Irratti Qabdu Hangam Cimaa Dha?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iyyaasuu 1:9—“Cimi, Ija Jabaadhu”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Yihowaan Milkaa’ina Akka Argannu Barbaada
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Dubbiin Yihowaa Matumaa Utuu Hin Raawwatamin Hin Hafu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Biiftuun Bakka Jirtutti Dhaabatte
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Waxabajjii ful. 2

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Amantiin Abdii Yihowaan Kenne Irratti Qabdu Hangam Jabaa Dha?

Iyaasuu fi Solomoon abdii Yihowaan kenne keessaa tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne mirkanaaʼoo turan. (Iya 23:14; 1Mot 8:56) Dhugaawwan amansiisaa taʼan kun lamaan, amantii keenya caalaatti nuuf jabeessu.—2Qo 13:1; Tit 1:2.

Yihowaan, waadaa bara Iyaasuutti gale kan raawwate akkamitti? Viidiyoo ‘Abdii Waaqayyo Kenne Keessaa Tokkollee Lafa Buʼee Hin Hafne’ jedhamu maatii kee wajjin ilaali. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa: (1) Amantii Rahaab hojiidhaan argisiiste hordofuu kan dandeessu akkamitti? (Ibr 11:31; Yaq 2:24-26) (2) Haala Akaan irraa hubachuu akka dandaʼamutti, taʼe jedhanii ajajamuu diduun balaa akkamii qaba? (3) Giibeʼononni loltoota beekamoo taʼanii utuu jiranii, Iyaasuu gowwoomsuudhaan Israaʼelootaa wajjin nagaa kan buusan maaliifi? (4) Mootonni Amoorotaa shanan Israaʼel irratti yommuu lola banan wanti Yihowaan dubbatte dhugaa taʼuun isaa kan mirkaneeffame akkamitti? (Iya 10:5-14) (5) Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaatiif dursa yoo kennite Yihowaan kan si gargaaru akkamitti?—Mat 6:33.

Wantoota Yihowaan raawwate, raawwachuuf jiruu fi gara fuulduraatti raawwatu irratti xiinxaluun keenya, amantii abdii inni nuuf kenne irratti qabnu caalaatti nuuf guddisa.—Rom 8:31, 32.

Iyaasuu

Amantii akka Iyaasuu qabdaa?

GAAFFIIWWAN IRRATTI XIINXALUUF GARGAARAN:

  • Bara keenyatti raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu warri kam yommuu raawwataman argiteetta?

  • Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu warri kam yommuu raawwataman arguu barbaadda?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi