BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAARQOS 3-4
Guyyaa Sanbataatti Fayyisuu
Yesuus ilaalcha geggeessitoota amantii Yihudootaatti baayʼee kan gadde maaliifi? Dhorkaawwan xixinnoo hedduu itti dabaluudhaan seerri Sanbataa baʼaa akka taʼu godhanii waan turaniifi. Fakkeenyaaf, tafkii ajjeesuun dhorkaa ture. Fayyisuun kan heyyamamu yoo lubbuun balaadhaaf saaxilame qofa dha. Kana jechuun lafeen cabe ykn qaamni meelate guyyaa Sanbataatti hin walʼaanamu jechuu dha. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, geggeessittoonni amantii nama harki isaa lamshaaʼeef gara laafina hin qaban turan.