BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAARQOS 13-14
Nama Sodaachuun Kiyyoo Akka Isinitti hin Taane Of Eeggadhaa
Ergamoonni Yesuus dhiibbaa isaan irra gaʼeen kan mooʼaman maaliifi?
Garmalee ofitti amanamanii turan. Pheexiros ergamoota kaan caalaa Yesuusiif amanamaa akka taʼu isatti dhagaʼamee ture
Dammaqanii eeguu isaanii itti hin fufne; akkasumas hin kadhanne turan
Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, ergamoonni yaada geddaratan sodaa namaatiin akka hin mooʼamne, akkasumas mormiin kan jiru taʼus lallabuu isaanii akka itti fufan maaltu isaan gargaare?
Akeekkachiisa Yesuus isaaniif kenneef xiyyeeffannaa kennaniiru; kun immoo mormii fi ariʼatama isaan irra gaʼeef akka harka hin kennine isaan gargaareera
Yihowaatti amanamaniiru, akkasumas kadhataniiru.—HoE 4:24, 29
Haalawwan akkamiitu ija jabina keenya qoruu dandaʼa?