AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Faana Kiristoos Dhiheenyatti Hordofaa
Yesuus, keessumaa yeroo qorumsi ykn ariʼatamni nu irra gaʼutti fakkeenya hordofuu qabnu nuu kaaʼeera. (1Phe 2:21-23) Yesuus arrabsameera; taʼus rakkinni cimaan yeroo isa irra gaʼetti illee matumaa haaloo hin baane. (Mar 15:29-32) Jabaatee dhaabbachuuf maaltu isa gargaare? Fedhii Yihowaa raawwachuuf kutatee ture. (Yoh 6:38) Kana malees, “gammachuu isa dura jiru” irratti xiyyeeffatee ture.—Ibr 12:2.
Amantii keenyaan kan kaʼe karaa sirrii hin taaneen yeroo qabamnutti maal goona? Kiristiyaanonni dhugaan ‘hamaa hamaadhaan hin deebisan.’ (Rom 12:14, 17) Fakkeenya Kiristoos rakkina dandamachuudhaan kaaʼe yeroo hordofnutti, Waaqayyo biratti fudhatama waan argannuuf gammaduu ni dandeenya.—Mat 5:10-12; 1Phe 4:12-14.
VIIDIYOO MAQAAN YIHOWAA HUNDA CAALAA BARBAACHISAA DHA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN KANAA GADII DEEBISUUF YAALAA:
Obboleettiin Geertirut Pootsiingara yommuu mana hidhaatti kophaa ishii hidhamtee turtetti yeroo ishii akka gaariitti kan fayyadamte akkamitti?
Obboleettiin teenya Geertirutii fi obboleessi keenya Maartiin Pootsiingar yeroo manneen hidhaa adda addaa keessa turanitti rakkina akkamii dandamataniiru?
Jabaatanii dhaabbachuuf maaltu isaan gargaare?
Yeroo qorumsi isin irra gaʼutti faana Kiristoos dhiheenyatti hordofaa
a Maqaan kun Pooyetsiingar jedhamees ni barreeffama.