BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | HOJII ERGAMOOTAA 1-3
Hafuurri Qulqulluun Gumii Kiristiyaanaa Irratti Dhangalaʼe
Yihudoonni Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti Yerusaalem keessa turan baayʼeen saboota biraa keessaa kan dhufan turan. (HoE 2:9-11) Isaan Seera Musee kan eegan taʼus, jireenya isaanii guutuu biyya ormaa keessa kan jiraatan taʼuu dandaʼu. (Er 44:1) Kanaaf isaan keessaa tokko tokko haallii fi akkaataan dubbii isaanii kan Yihudootaa utuu hin taʼin kan biyya keessa jiraatan sanaa kan fakkaatu taʼuu dandaʼa. Namoonni lammii adda addaa qaban 3,000 yommuu cuuphamanitti, akkuma tasaa gumiin Kiristiyaanaa namoota akaakuu garaa garaa qaban kan of keessatti qabate taʼeera. Namoonni kun akkaataa guddinaa garaa garaa kan qaban taʼus, “yeroo hunda yaada tokkoon mana qulqullummaa keessatti ni argamu turan.”—HoE 2:46.
Namoota armaan gadiitiif garaadhaa akka yaaddan argisiisuu kan dandeessan akkamitti?
Namoota biyya alaa naannoo tajaajilaa keessan keessa jiraniif
Obbolootaa fi obboleettota gumii keessan keessa jiranii fi biyyoota biraatii dhufaniif