LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Guraandhala ful. 8
  • Jabaattanii Dhaabachuudhaan Hawwii Guddaadhaan Eeggachuu Keessan Itti Fufaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jabaattanii Dhaabachuudhaan Hawwii Guddaadhaan Eeggachuu Keessan Itti Fufaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanti Kam Iyyuu Badhaasicha Akka Isin Dhabsiisu Hin Heyyaminaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • “Jabaatanii Dhaabachuun Hojii Isaa Fiixaan Akka Baasu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Jaarmiyaa Yihowaatti Dhihaadhaa Jiraadhaa
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Rakkina Obsuun Nama Kiisa
    Tajaajila Mootummaa—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Guraandhala ful. 8

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jabaattanii Dhaabachuudhaan Hawwii Guddaadhaan Eeggachuu Keessan Itti Fufaa

Dhufaatii Mootummaa Waaqayyoo eegaa kan turtan yeroo hammamiitiifi? Rakkoowwan isin irra gaʼaa kan jiran taʼan illee, jabaattanii dhaabachuudhaan obsaan eeggachaa jirtuu? (Rom 8:25) Kiristiyaanota tokko tokko irra jibbi, hacuuccaan, hidhaan ykn doorsisni ajjeechaa gaʼaa jira. Hedduun isaanii immoo rakkoowwan akka dullumaa ykn dhukkuba fayyuu hin dandeenyee jiranii wajjin qabsaaʼaa jiru.

Haala rakkisaa akkamii keessatti kan argamnu taʼu illee hawwiidhaan eeggachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan amantii keenya cimsachuu qabna. Akkasumas abdii keenya irratti xiyyeeffachuu qabna. (2Qo 4:16-18; Ibr 12:2) Kana malees, Yihowaatti wawwaannaa dhiheessuu fi hafuurri isaa humna akka nuuf kennu kadhannaadhaan isa gaafachuu qabna. (Luq 11:10, 13; Ibr 5:7) Akkas kan goonu yoo taʼe, Abbaan keenya inni jaalala qabeessi ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee akka dhaabannu’ nu gargaaruu dandaʼa.—Qol 1:11.

VIIDIYOO ‘JABINAAN FIIGUU’ QABNA—BADHAASICHA AKKA ARGATTAN MIRKANAAʼOO TAʼAA JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Jeemii fi haati manaa isaa yommuu tajaajilan

    Jireenya keenya keessatti “wantoonni hin eegamne” akkamii nu mudachuu dandaʼu? (Lal 9:11, NW)

  • Jeemiin dhukkuba dhiiga kantarsuun erga qabamee booda, Kaarli yommuu caqasa isaaf dubbisu

    Yeroo rakkoon nu irra gaʼutti kadhannaan kan nu gargaaru akkamitti?

  • Jeemii fi Kaarli hiriyoota gaaʼelaa tokkoo yommuu gaafatan

    Tajaajila Yihowaa keessatti hamma kanaan duraa hirmaannaa gochuu yeroo dadhabnutti, wantoota amma gochuu dandeenyu irratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?

  • Jeemiin Jannata keessatti deebiʼee jabina argatu yommuu ija qalbii isaatiin ilaalu

    Iji keessan badhaasicha irratti haa xiyyeeffattu

    Badhaasicha akka argattan mirkanaaʼoo taatanii jiraachuuf kan isin gargaaru maali dha?

Obboloota rakkinni isaan irra gaʼaa jiruu fi miseensota maatii isaanii gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

  • Gaarummaadhaan isaanitti dubbadhaa, warra kaanii wajjinis wal isaan hin dorgomsiisinaa

  • Xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffadhaa

  • Isaaniif kadhadhaa, akkasumas isaanii wajjin taʼaa kadhadhaa

  • Nyaata isaaniif qopheessuudhaan ykn hojii mana keessaa tokko tokko isaaniif hojjechuudhaan isaan gargaaraa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi