BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 QORONTOS 7-10
Tajaajilli Keenya Hojii Gargaarsaa Dabalata
Kiristiyaanonni tajaajila bifa lamaa, jechuunis “tajaajila araarsuu” ykn hojii lallabaa fi barsiisuu, akkasumas “tajaajila gargaarsaa” obboloota hidhata amantii isaanii taʼaniif jecha raawwatan qabu. (2Qo 5:18-20; 8:4) Kanaaf, Kiristiyaanota haala rakkisaa keessa jiran gargaaruun kutaa tajaajila qulqulluu keenyaa ti. Hojii kana irratti hirmaachuudhaan,
wanta obboloota keenya barbaachisu dhiheessuu dandeenya.—2Qo 9:12a
obboloonni rakkinni isaan irra gaʼe, Yihowaa galateeffachuuf jecha hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan akka hirmaatan gochuu dabalatee, sochii hafuuraa isaaniitti akka deebiʼan isaan gargaarra.—2Qo 9:12b
Yihowaadhaaf ulfina argamsiisna. (2Qo 9:13) Hojiin gargaarsaa namoota Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii hin qabne dabalatee namoota hundaaf dhugaa baʼa