AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Tajaajilli Gargaarsaa Keenya Kiristiyaanota Kaariibiyaan Jiran kan Fayyade Akkamitti?
Akkuma jaarraa jalqabaatti ture yeroo ammaattis, Kiristiyaanota hidhata amantii keenyaa taʼanii fi balaan uumamaa isaan irra gaʼeef jaalala qabnu argisiisuuf mirga arganneerra. (Yoh 13:34, 35) Viidiyoo Jaalala Hojiidhaan Deggerame—Hojii Gargaarsaa Odolawwanitti Raawwatame jedhamuu fi Kiristiyaanonni obboloota isaanii Kaariibiyaan jiraatan gargaaruuf tarkaanfii akkamii akka fudhatan ibsu erga ilaaltanii booda, gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaalaa:
Obomboleettiin Armaa fi obomboleettiin Maariyaa jedhaman obboloota irra miidhaa akkamii geessisan?
Yihowaan Kiristiyaanota hidhata amantii isaanii taʼanitti fayyadamee obboloota Kaariibiyaan jiran kan gargaare akkamitti?
Obboloonni obomboleettiin sanaan miidhaman, jaalallii fi arjummaan obboloonni isaanii isaanitti argisiisan kan isaan tuqe akkamitti?
Obboloonni gargaarsa balaa uumamaa Kaariibiyaan irratti hirmaatan hammam taʼu?
Hojii gargaarsaa irratti hirmaachuuf hundi keenya maal gochuu dandeenya?
Viidiyoon kun miseensa jaarmiyaa jaalala qabeessa taʼe kanaa taʼuu keessaniin maal akka isinitti dhagaʼamu godhe?