BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FILIPHISIYUS 1-4
“Waaʼee Waan Tokkoo Illee hin Yaaddaʼinaa”
Kadhannaan yaaddoo keenyaaf furmaata taʼa
Amantiidhaan yoo kadhanne, Yihowaan nagaa isa “hubannaa hundumaa irra caalu” nuuf kenna
Yeroo rakkina keenyaaf furmaata akka hin arganne nutti dhagaʼamutti illee, Yihowaan jabaannee akka dhaabannu nu gargaara. Yihowaan karaa nuti matumaa hin eegneen illee nu gargaaruu ni dandaʼa.—1Qo 10:13