BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 TASALONQEE 1-5
“Wal Jajjabeessuu fi Wal Ijaaruu Keessan Itti Fufaa”
Kiristiyaanonni hundi warra kaan jajjabeessuuf dandeettii qabu. Fakkeenyaaf, dhibee fayyaa fi rakkinawwan kan biroo wajjin walʼaansoo gochaa kan jirru taʼus, yommuu amanamummaadhaan walgaʼii irratti argamnuu fi tajaajila irratti hirmaannu Kiristiyaanota hidhata amantii keenyaa taʼan jajjabeessuu ni dandeenya. (1Ta 2:2) Dabalataanis, dubbii itti yaadamee fi qorannaan irratti godhame dubbachuudhaan Kiristiyaanota hidhata amantii keenyaa taʼanii fi jajjabina barbaadan jajjabeessuu dandeenya.
Odeeffannoo nama rakkinawwan tokko tokkoo wajjin walʼaansoo gochaa jiru jajjabeessuuf gargaaru eessaa argachuu dandeessu?
Gumii keessan keessaa eenyuun jajjabeessuu barbaaddu?