BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | TIITOO 1–FIILMOON
‘Jaarsolii Muudaa’
Phaawulos, Tiitoon ‘magaalaawwan hundatti jaarsolii akka muuduuf’ isa gaafatee ture. Yeroo harʼattis fakkeenya Kitaaba Qulqulluu kana hordofuudhaan ilaaltonni ol aanaa aanaa gumii keessatti obboloota muudaa jiru.
QAAMA OL AANAA
Qaamni Ol Aanaan fakkeenya jaarraa jalqaba hordofuudhaan, ilaaltonni ol aanaa aanaa jaarsolii fi tajaajiltoota gumii akka muudaniif itti gaafatamummaa guddaa isaaniif kenneera.
ILAALTOOTA OL AANAA AANAA
Ilaaltonni ol aanaa aanaa hundi yaada jaarsoliin isaaniif kennan xiyyeeffannaa fi kadhannaadhaan erga irratti yaadanii booda dhiirota gaʼumsa qaban sana muudu.
JAARSOLII MUUDAMAN
Obboloonni kun erga jaarsolii taʼanii muudamanii booda illee ulaagaa Kitaaba Qulqulluu guutuu isaanii itti fufuu qabu.