LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Muddee ful. 8
  • Lafti ‘Laga Sana ni Liqimsite’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lafti ‘Laga Sana ni Liqimsite’
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Labsitoonni Mootummichaa Mana Murtiitti Iyyatan
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Kiristiyaanota Ariʼatamni Isaan Irra Gaʼaa Jiruuf Kadhachuu hin Dagatinaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Amanamummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo Qofa Deggeruu
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhaman—Biyya Biyyaan
    Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Muddee ful. 8
Fakkii waraqaawwan seeraa Mootummoonni Gamtoomanii hidhaa Dhugaa Baatota Yihowaa Kooriyaa jiranii ilaalchisee barreesse argisiisuu fi obboloonni keenya Kooriyaa hidhamanii jiran yuunifoormii isaanii uffatanii

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Lafti ‘Laga Sana ni Liqimsite’

Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo adda addaatti bulchitoonni addunyaa saba Yihowaa gargaaraniiru. (Iz 6:1-12; As 8:10-13) Bara keenyattis “lafti,” jechuunis bulchitoonni bakka adda addaatti argamanii fi hamma tokko gaarii taʼan, ariʼatama “laga” jedhamee fi Seexanni kakaasu yeroo liqimsu argineerra. (Mul 12:16) Yihowaan inni ‘Waaqa fayyisu’ taʼe, yeroo tokko tokko bulchitoota ilmaan namootaa kakaasuudhaan saba isaatiif boqonnaa akka argamsiisan gochuu dandaʼa.—Far 68:20; Fak 21:1.

Sababii amantii keetiin mana hidhaa yoo galte hoo? Yihowaan haala keessa jirtu akka ilaalu matumaa hin shakkin. (Uma 39:21-23; Far 105:17-20) Amantii argisiisteef akka eebbifamtuu fi amanamummaan ati argisiiste obboloota kee addunyaa mara irra jiran akka jajjabeessu mirkanaaʼaa taʼi.—Flp 1:12-14; Mul 2:10.

VIIDIYOO OBBOLOONNI KOORIYAA MANA HIDHAATII GADHIIFAMAN JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboloonni keenya Kooriyaa Kibbaa jiranii fi kumaan lakkaaʼaman waggoota hedduudhaaf hidhamaa kan turan maaliifi?

  • Obboloonni keenya tokko tokko akka hiikaman kan taasise murtoon akkamii kennamuu isaa ti?

  • Obboloota keenya addunyaa mara irra jiranii fi sababii amantii isaaniitiin yeroo ammaatti hidhamanii jiran gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

  • Bilisummaa yeroo ammaatti qabnu kam iyyuu akkamitti itti fayyadamuu qabna?

  • Injifannoo gama murtiitiin arganneef adda durummaadhaan galateeffamuu kan qabu eenyu dha?

Mana hidhaa Kooriyaatti argamuu fi obboloonni keenya keessatti hidhamanii turan; xalayaawwan waajjira damee Kooriyaatti ergamanii fi obboloota mana hidhaa turaniif ergaman; dargaggeessi tokkoo mana hidhaatii yommuu gadhiifamu abbaan isaa isa haammachaa jira

Bilisummaa dhuunfaatti argadhe akkamittan itti fayyadamaa jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi