LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Guraandhala ful. 3
  • Faarfannaawwan addaa irraa maal barattu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Faarfannaawwan addaa irraa maal barattu?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Faarfannaawwan Caalaatti Waaqayyotti Nu Dhiheessan
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Faarfannaatti Fayyadamaatii Gammachuudhaan Yihowaa Jajadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Faarfannaawwan Mootummichaa Ija Jabina Akka Qabaannu Nu Gargaaru
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Guraandhala ful. 3
Obboloonni alatti giitaaraan faarfachaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaawwan Addaa Irraa Maal Barattu?

Faarfannaawwan addaa baayʼee jaallattan tokko tokko isaan kamfaʼi? Maaliif? Wantoonni viidiyoo sana irratti argitan jireenya keessan wajjin kan wal qabatan akka taʼan isinitti dhagaʼamaa? Faarfannaawwan kun mata duree adda addaa kan qabanii fi akkaataa adda addaatiin kan qopheeffaman waan taʼaniif barumsa nama hundumaaf taʼu qabu. Faarfannaawwan addaa fi muuziqaawwan viidiyoodhaan dhihaatan kun kan qopheeffaman nu bashannansiisuuf qofa miti.

Faarfannaan addaa hundi barumsawwan jireenya keenya keessattii fi tajaajila keenya irratti hojii irra oolchuu dandeenyu nu barsiisu. Faarfannaawwan tokko tokko keessummaa simachuu, tokkummaa, michummaa, ija jabina, jaalalaa fi amantii irratti xiyyeeffatu. Warri kaan immoo gara Yihowaatti deebiʼuu, dhiifama gochuu, guyyaa guyyaan amanamummaa keenya eeggannee jiraachuu fi galma hafuuraa hordofuu wajjin kan wal qabatanii dha. Faarfannaan addaa moobaayilii keenya karaa madaallii isaa eegeen fayyadamuu akka qabnu dubbatu illee jira. Faarfannaawwan addaa irraa barumsa hojii irra ooluu danda’u kan biraa akkamii argattan?

VIIDIYOO FAARFANNAA ADDAA ADDUNYAA HAARAAN BAAYʼEE DHIHAATEERA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Hiriyoonni gaaʼelaa dullooman tokko eebba gara fuulduraatti isaan eeggatu akkamii irratti yaadaa jiru?—Uma 12:3

  • Amantii Yihowaan abdii kenne guutummaatti raawwachuu akka danda’u irratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Dhiheenyatti namoota baayʼee jaallannu wajjin yommuu deebinee wal arginu haala gammachiisaa akkamiitu jiraata?

  • Abdiin Mootummichaa rakkina yeroo ammatti nurra gaʼaa jiru dandamannee akka jiraannu kan nu gargaaru akkamitti?—Rom 8:25

YAADA WAAQEFFANNAA MAATII KEENYAAF TAʼU

Viidiyoowwan faarfannaa addaa armaan gadii erga ilaaltanii booda gaaffiiwwan lamaan kanaaf deebii kennaa: Viidiyoon kun barumsawwan hojii irra oolchuu dandeenyu akkamii barsiisa? Jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Ija Jabeeyyii fi Cimoo Taʼaa (Amaariffa)

  • Gammachuu Walgaʼii Irratti Argamuun Argamsiisu (Amaariffa)

  • Amantiidhaan ni Milkaaʼa (Amaariffa)

  • Ija Jabina Naa Kenni

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi