BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 20-21
Yihowaan Wanta Waadaa Gale Yeroo Hundumaa ni Raawwata
Yihowaan amantii Abrahaamii fi Saaraan argisiisaniif ilma isaaniif kennuudhaan isaan eebbiseera. Yeroo booda immoo, amantii waadaawwan Yihowaan wantoota gara fuulduraatti raawwachuuf gale irratti qaban cimaa akka taʼe yeroo qorumsaatti isaaf ajajamuudhaan mirkaneessaniiru.
Yeroo qorumsaatti Yihowaadhaaf ajajamuun koo waadaawwan inni gara fuulduraatti raawwachuuf gale irratti amantii akkan qabu kan argisiisu akkamitti? Amantii koo cimsuu kanan dandaʼu akkamitti?