LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Ebla ful. 8
  • Wantin Hunda Caalaa Iddoo Guddaa Kennuuf Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wantin Hunda Caalaa Iddoo Guddaa Kennuuf Maali Dha?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dargaggootaa, Galmawwan Hafuuraa Irratti Xiyyeeffachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Uumaa Kee Jajachuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2004
  • Kiristiyaanonni Carraaqqii Gochuu kan Qaban Maaliifi?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Dargaggootaa Galmawwan Waaqayyoof Ulfina Fidan Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Ebla ful. 8
Yaaqoob maleekaa foon uffate wajjin walʼaansoo gochaa jira.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Wantin Hunda Caalaa Iddoo Guddaa Kennuuf Maali Dha?

Yaaqoob wanta baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis eebba Yihowaa argachuuf maleekaa tokko wajjin walʼaansoo qabeera. (Uma 32:24-31; Hos 12:3, 4) Waaʼee keenya hoo maal jechuu dandeenya? Yihowaadhaaf ajajamuu fi eebba isaa argachuuf fedhiidhaan carraaqqii cimaa gochaa jirraa? Fakkeenyaaf, walgaʼii irratti argamuunii fi iddoo hojiitti saʼaatii dabalataa hojjechuun yoo wal irra buʼe isa kam filanna? Yeroo, humnaa fi wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu Yihowaadhaaf kan kenninu yoo taʼe, inni “eebba danuu” nu irratti dhangalaasa. (Mil 3:10) Inni qajeelfama nuuf kenna, eegumsa nuuf godha; akkasumas wanta nu barbaachisu nuuf guuta.—Mat 6:33; Ibr 13:5.

VIIDIYOO GALMAWWAN HAFUURAA  IRRATTI XIYYEEFFACHUU KEENYA ITTI FUFUU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleettiin qajeelchituu taate takka turjumaana afaan mallattoo taatee hojjechaa jirti.

    Obboleettiin tun wanta jaallattuun kan qoramte akkamitti?

  • Qajeelchituun kun baayʼee dhiisifattee hojjechaa jirti.

    Hojiin hojjennu qorumsa nutti taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

  • Ximotewos halkan foddaa tokko bira dhaabbatee kitaaba maramaa dubbisaa jira.

    Ximotewos utuma karaa hafuuraa guddina gochaa jiruu galmawwan hafuuraa irratti xiyyeeffachuun kan isa barbaachise maaliifi?—1Xi 4:16

  • Obboleettiin qajeelchituu taate sunii fi obboleettiin kan biraa dubartii Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisan nagaa gaafachaa jiru.

    Jireenya keessan keessatti wanti hunda caalaa iddoo guddaa kennitaniif maali dha?

    Hojiin dursa kenninuuf kam akka taʼe argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi