Hoseʼaa
12 “Efreem bubbee soorachaa jira.
Inni bubbee bahaa ariʼaa oola.
Sobaa fi jeequmsa baayʼisaa jira.
Isaan Asoorii wajjin kakuu galaniiru,+ gara Gibxiittis zayitii geessu.+
2 Yihowaan Yihudaa irratti falmii seeraa qaba;+
Yaaqoobiin akka daandiiwwan isaatti ni adaba,
Akka gocha isaattis isaaf ni deebisa.+
3 Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa ni qabate,+
Jabina isaatiinis Waaqayyoo wajjin waldhaansoo ni qabe.+
4 Inni maleekaa tokkoo wajjin waldhaansoo qabuu isaa itti fufe, achiis ni moʼe.
Booʼee eebba argachuuf ni kadhate.”+
Inni Beetelitti isa argate, achittis nutti ni dubbate,+
5 Yihowaan Waaqa Raayyaa ti,+
Yihowaan maqaa inni ittiin yaadatamu dha.+
6 “Kanaafuu, gara Waaqa keetti deebiʼi,+
Jaalala amanamaa fi haqaan deddeebiʼi,+
Yeroo hundumaas Waaqa kee abdadhu.
7 Haa taʼu malee, harka daldaltuu keessa madaalliin sobaa jira;
Inni nama gowwoomsuu ni jaallata.+
Wantan itti dadhabee argadhe hundumaa keessaa dogoggora yookiin cubbuu tokko illee hin argatan’ jechaa jira.
9 Haa taʼu malee, ani biyya Gibxii irraa jalqabee Waaqa kee Yihowaa dha.+
Akkuma guyyoota ayyaanaatti,*
Ammas dunkaanota keessa akka jiraattu nan godha.
10 Ani raajotatti nan dubbadhe,+
Mulʼatawwan isaanii nan baayʼise,
Karaa raajotaas fakkeenya nan dubbadhe.
11 Giiliyaad keessa gowwoomsaa*+ fi sobatu jira.
Gilgaal keessatti qotiyyoowwan aarsaa godhaniiru,+
Iddoowwan aarsaa isaaniis akka tuullaa dhagaa boʼoowwan maasii keessa jiruu ti.+
12 Yaaqoob gara naannoo* Aaraamitti*+ baqate;
Israaʼel+ haadha manaa argachuuf achitti ni tajaajile,+
Haadha manaa argachuuf jedhee hoolota ni tikse.+