BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 1-3
“Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa”
3:13, 14, NW
Yihowaan waaʼee ofii isaa ilaalchisee wanta baayʼee adda taʼe Museetti argisiiseera. Yihowaan ulaagaawwan isaa warra mudaa hin qabne utuu hin cabsin, kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta taʼuun isa barbaachisu hunda ni taʼa. Yihowaan warra ijoollee isaaniitiif yaadan caalaa, ijoollee isaatiif jedhee wanta taʼuun isa barbaachisu hunda ni taʼa.
Yihowaan dhuunfaatti anaaf jedhee wanta taʼuun isa barbaachisu kan taʼe akkamitti?