BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 4-5
“Ani Yommuu Dubbattu Sii Wajjin Nan Taʼa”
Museen gargaarsa Yihowaatiin sodaa isaa moʼuu dandaʼeera. Wanta Yihowaan Museedhaan jedhe irraa maal baranna?
Yaada ani gaʼumsa hin qabu jedhu irraa fagaachuu qabna
Yihowaan hojii keenya raawwachuuf wanta nu barbaachisu hunda akka nuuf kennu amanannaa qabaachuu qabna
Amantiin Waaqayyo irratti qabnu sodaa namaa moʼuuf nu gargaara
Yihowaan rakkoowwan tajaajila koo irratti na mudatan akkan moʼu kan na gargaare akkamitti?