BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 8-9
Faraʼoon Inni Of Tuultuu Taʼe Utuu Itti hin Beekamin Kaayyoo Waaqayyoo Raawwachuuf Tajaajileera
Faraʼoononni warra Gibxii akka waaqaatti of ilaalu turan. Kana beekuun keenya Faraʼoon of tuulummaadhaan Musee fi Aaroniin, akkasumas namoota isaa warra falfala raawwatan illee dhagaʼuu kan dide maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara.
Yaada warra kaanii ni fudhattaa? Gorsa siif kennamuuf ni galateeffatta? Moo yeroo hundumaa sirrii akka taate sitti dhagaʼama? “Of gurguddisuun badiisatti . . . nama in geessa.” (Fak 16:18) Dhuguma iyyuu, koora irraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!