LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Fulbaana ful. 3
  • Oduu Sobaa Babalʼisuu Irraa Of Eegaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Oduu Sobaa Babalʼisuu Irraa Of Eegaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Namni Wallaalaan Dubbii Hundumaa Amana”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Intarneetiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Hamiin Miidhaa Qabaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Fulbaana ful. 3

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Oduu Sobaa Babalʼisuu Irraa Of Eegaa

Dubartiin takka utuu miʼoota bitaa jirtuu wanti moobaayilii ishiitiin argite ishii naasisaa jira.

Yeroo harʼaatti oduun tokko wantoota maxxanfamaniin, raadiyoodhaan, televizyinii fi intarneetiidhaan saffisa guddaadhaan namoota miliyoonaan lakkaaʼaman bira gaʼuu dandaʼa. Namoonni ‘Waaqa amanamaa’ waaqeffatan utuu hin beekin illee oduu sobaa babalʼisuu hin barbaadan. (Far 31:5; Bau 23:1) Sobni tokko namoota kan birootti himamuun isaa miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Odeeffannoon tokko dhugaa taʼuu isaa adda baafachuuf akkana jedhii of gaafadhu:

  • ‘Maddi isaa amansiisaa dhaa?’ Namni oduu sana dubbate tarii dhimmicha ilaalchisee dhugaa isaa hin beeku taʼa. Oduun tokko nama tokko irraa gara nama kan biraatti yeroo darbu hamma tokko jijjiiramuun isaa hin oolu; kanaafuu, madda isaa isa sirrii adda baafachuu hin dandeessu taanaan of eeggadhu. Keessumaa namoonni gumii keessatti mirga qaban warri kaan waan isaan amananiif, odeeffannoo hin mirkanoofne akka hin dabarsine of eeggachuu qabu

  • ‘Odeeffannoon kun maqaa kan balleessu dhaa?’ Odeeffannoon tokko maqaa gaarii namni tokko ykn gareen tokko qabu kan balleessu yoo taʼe nama kan biraatti hin himin.—Fak 18:8; Flp 4:8

  • ‘Oduun kun kan amanamu dhaa?’ Oduu fi muuxannoo baayʼee nama dinqisiisu yeroo dhageessu of eeggadhu

VIIDIYOO HAMII IRRAA FAGAACHUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Mucaan tokko geengoo keessa utuu jiru goraadeedhaan marfamee jira.

    Fakkeenyi 12:18 akka jedhutti jechoonni miidhaa akkamii geessisuu dandaʼu?

  • Namoota walitti qabamanii nama hamachaa jiran.

    Filiphisiyus 2:4 waaʼee namoota kaanii dubbachuu ilaalchisee ilaalcha madaalamaa qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

  • Namichi tokko yeroo hamii dubbatu namichi inni biraan isa irraa garagalee jira.

    Namoota kaan ilaalchisee wanti dubbannu gara dubbii miidhaa qabuutti ykn sirrii hin taaneetti yommuu jijjiiramu maal gochuu qabna?

  • Namichi tokko yommuu hamii dubbatu namichi inni biraan immoo akka nama gabaasa dhiheessutti yaadannoo qabachaa jira.

    Waaʼee namoota kaanii dubbachuu jalqabuu keenya dura gaaffiiwwan kam of gaafachuu qabna?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi