BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 29-30
Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu
Yeroo godoo qulqullaaʼaan ijaarametti sooreyyiinis taʼan hiyyeeyyiin waaqeffannaa Yihowaa deggeruuf buusii maallaqaa gochuuf mirga argatanii turan. Yeroo harʼaatti hoo Yihowaadhaaf kennaa kennuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko Galmawwan Walgaʼii, Galmawwan Walgaʼii Guguddaa, waajjirawwan hiikkaa fagoo fi gamoowwan Betʼel, akkasumas gamoowwan waaqeffannaa Yihowaatiif murteeffaman kaan maallaqaan deggeruu dha.
Waaqeffannaa dhugaa deggeruuf buusii maallaqaa gochuu ilaalchisee caqasoota armaan gadii irraa barumsa akkamii arganna?