LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/12 ful. 9
  • Horii Sibiilaa Diddiimtuu Kan Akka Saantiima Lamaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Horii Sibiilaa Diddiimtuu Kan Akka Saantiima Lamaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nama Fakkeenya Taʼu​—Dubartii Hiyyeettii Abbaan Manaa Irraa Duʼe
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Hunda Isaanii Caalaa Buusii Guddaa Kennite
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Kana Beektaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Guyyaa Xumuraa Yesuus Mana Qulqullummaatti Dabarse
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Tajaajila Mootummaa—2012
km 4/12 ful. 9

Horii Sibiilaa Diddiimtuu Kan Akka Saantiima Lamaa

Karaa guddaan hojii Mootummichaa itti deggerru keessaa tokko, hojii lallabaa addunyaa maratti taasifamuuf buusii qarshii gochuudha. Harka qalleeyyii yoo taanehoo maal gochuu dandeenya?

Yeroo tokko Yesus, haadha hiyyeessaa qodaa buusii mana qulqullummaa keessa jiru keessa horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa utuu buustuu argee ture. Jaalalli isheen Yihowaadhaaf qabdu ‘danuu hiyyuma ishee keessaa, bultoo isheetiif waan qabdu hundumaa qodicha keessa buusuuf’ ishee kakaaseera. (Mar. 12:41-44) Yesus waaʼee haadha hiyyeessaa kanaa caqasuunsaa, buusii isheen goote Waaqayyo duratti gatii guddaa akka qabu kan argisiisu ture. Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan, tajaajilaaf deggersa qarshii gochuun itti gaafatamummaa obboloota sooreyyii qofa akka taʼe godhanii hin yaanne. Phaawulos fakkeenya obboloota Maqedooniyaa yeroo caqasu, “deegni isaanii badduu baasa yoo taʼe iyyuu gargaarsa kennuudhaaf . . . cimsanii nu kadhataniiru” jedheera.​—2 Qor. 8:1-4.

Kanaaf, “horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa” qofa buusii yoo goonellee, buusii xixinnoo hedduun walitti qabamee qarshii baayʼee akka taʼu yaadachuu qabna. ‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf,’ garaa guutuudhaan buusii gochuun keenya Abbaa keenya isa samii arjaa taʼe ni gammachiisa.​—2 Qor. 9:7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi