AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Dargaggootaa—Yihowaan Michuu Keessan Isa Hunda Irra Caalu Dhaa?
Michuun keessan tokko amalawwan akkamii akka qabaatu barbaaddu? Tarii amala amanamummaa, gaarummaa fi arjummaa jaallattu taʼa. Yihowaan amalawwan kana hunda qaba. (Bau 34:6; HoE 14:17) Inni yeroo gara isaatti kadhannaa dhiheessitan ni dhagaʼa. Yeroo isin barbaachisu hundatti gargaarsa isiniif godha. (Far 18:19, 35) Dogoggora raawwattaniif dhiifama isiniif godha. (1Yo 1:9) Dhuguma iyyuu Yihowaan Michuu baayʼee gaarii taʼe dha!
Maarree isin michuu Yihowaa taʼuu kan dandeessan akkamitti? Dubbii isaa dubbisuudhaan waaʼee isaa baradhaa. Iccitii keessan isatti himadhaa. (Far 62:8; 142:2) Wantoota Yihowaa duratti iddoo guddaa qabaniif, jechuunis Ilma isaa, Mootummaa isaa fi waadaa inni yeroo gara fuulduraa ilaalchisee galeef bakka guddaa akka kennitan argisiisaa. Waaʼee isaa warra kaanitti himaa. (Kes 32:3) Yihowaa wajjin michummaa cimaa yoo qabaattan, innis bara baraaf Michuu keessan taʼa.—Far 73:25, 26, 28.
VIIDIYOO DARGAGGOOTAA—“YIHOWAAN GAARII TAʼUU ISAA DHANDHAMAA ILAALAA” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Of murteessuu fi cuuphamuuf of qopheessuu kan dandeessan akkamitti?
Obboloonni gumii keessa jiran Yihowaa akka tajaajiltan isin gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
Tajaajilli hariiroo Yihowaa wajjin qabdan cimsachuuf kan isin gargaaru akkamitti?
Michummaan Yihowaa wajjin qabdan bara baraaf itti fufuu dandaʼa!
Carraawwan tajaajilaa akkamii isiniif banamaniiru?
Waaʼee Yihowaa wanti dinqisiifattan maali dha?