AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Barruuleetti Fayyadamuu Keessan Itti Fufaa
Bara 2018 kaasee barruulee namootaaf raabsinu irratti jijjiirama kan goone yeroo taʼu, barruun tokko waaʼee dhimma tokkoo qofa ibsa kenna. Barruuleen keenya hundi kutaa Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessatti ramadamu. Kanaafuu, tajaajila irratti itti fayyadamuu dandeenya. Yeroo karaa deemnu ykn gabaa baanu barruulee muraasa qabannee deemuu dandeenya. Barruuleen kun namoota Kitaaba Qulqulluu ittiin qoʼachiisuuf kan qophaaʼan taʼuu baatanis, fedhii hafuuraa namootaa kakaasuu dandaʼu.
Nama tokko wajjin erga maree jalqabdanii booda, caqasa tokko isaaf dubbisaa; achiis waaʼee barruu isa hawwachuu dandaʼu tokkoo itti himaa. Fakkeenyaaf, namni sun ijoollee kan guddisu ykn gadda ykn dhiphinaa wajjin walʼaansoo gochaa kan jiru yoo taʼe akkana isaan jechuu dandeessu: “Dhiheenyatti dhimma kana ilaalchisee mata duree gaarii tokko dubbiseera. Sitti argisiisuu?” Fedhii akka qabu yoo sitti dhagaʼame, guyyaa jalqabaatti illee taanaan, barruu tokko isaaf kennuu ykn isa bifa eleektiroonikiitiin qophaaʼe isaaf erguu dandeessa. Galmi keenya inni guddaan barreeffamoota raabsuu taʼuu baatus, barruuleen kun namoota wanta baratan hojii irra oolchan argachuuf nu gargaaruu dandaʼu.—HoE 13:48.
2018
2019
2020
Mata dureewwan namoota naannoo tajaajilaa keessanii hawwatan kam faʼi?