Xiyyeeffannaa Namoota Akkamii Hawwachuu Dandaʼu?
1. Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! yommuu dubbisnu maalfaa xiyyeeffanna keessa galchuu qabna? Maaliif?
1 Masaraan Eegumsaafi Dammaqaan! namoota addunyaa maratti argaman xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan qophaaʼu. Kanaaf, wantoonni barruulee kanarratti baʼan matadureewwan garaagaraa kan qabatanidha. Matadureewwan kana dhuunfaatti yommuu dubbisnu, keessumaa xiyyeeffannaa namoota akkamii hawwachuu akka dandaʼan akka gaariitti irratti yaaduufi barruu sana namoota kanaaf raabsuuf carraaqqii gochuun keenya barbaachisaadha.
2. Matadureewwan barruulee keenyarratti baʼan kamfaatu xiyyeeffannaa namootaa hawwachuu dandaʼa?
2 Masaraan Eegumsaa dhiheenyatti baʼe, mataduree kanaan dura nama wajjin hojjettu faana irratti mariʼattan kan ibsudhaa? Mataduree waaʼee maatii ibsuufi firakee gargaaru kan qabatedhaa? Nama gara biyya barruu Dammaqaarratti! ibsame tokkoo deemuuf jedhu beektaa? Barruulee kana keessaa, tokko xiyyeeffannaa dhaabbata daldalaa ykn dhaabbilee kan biraa naannoo tajaajilaa keenya keessatti argamu kan hawwatudhaa? Fakkeenyaaf, barruun waaʼee rakkoowwan namoota dullooman mudatan ibsu, xiyyeeffannaa dhaabbata namoota dullooman kunuunsuu hawwachuu dandaʼa. Matadureewwan waaʼee yakkaa ibsanimmoo, xiyyeeffannaa namoota dhaabbilee seeraa keessaa hojjetanii hawwachuu dandaʼu.
3. Muuxannoo barruu qabiyyeensaa xiyyeeffannaa namootaa hawwachuu dandaʼa jennee yaannu namootaaf kennuun keenya buʼaa gaarii akka argamsiisu ibsu dubbadhu?
3 Buʼaawwan Argaman: Hiriyoonni gaaʼelaa Afriikaa Kibbaa keessa jiraatan, barruun Dammaqaa! Onkoloolessa 2011fi mataduree “Itti Gaafatamummaan Akka Isaanitti Dhagaʼamu Gochuudhaan Ijoollee Guddisuu” jedhu qabu erga isaan gaʼee booda, manneen barnootaa naannoo tajaajilaasaanii keessatti argaman 25f bilbilanii turan. Isaan keessas manneen barnootaa 22 barruu kana fudhatanii barattootasaaniitiif raabsaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa biyyuma sana keessa jiraatan tokkos barruu kana mana barumsaa naannoosaaniitti argamuuf kennaniiru. Barsiisonni manneen barumsaa kana keessaa isa tokko keessatti barsiisan yommuu sagantaa barumsaafi yeroo sagantaa dubbisaa qaban barruu kanatti fayyadamuuf murteessaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa kun muuxannoosaanii kana daawwataa olaanaatti himan. Innis gumiiwwan mala kanatti fayyadamuudhaan manneen barnootaa naannoosaanii jiranitti barruu kana akka raabsan isaan jajjabeesse. Barruu kana argachuuf gaaffii hedduun waajjira dameetiif waan dhihaateef barruun kun lammata akka maxxanfamu godhameera!
4. Barruulee keenya balʼinaan raabsuu kan barbaannu maaliifi?
4 Barruuleen keenya wantoota addunyaarratti raawwatamaniif sababa kan taʼe maal akka taʼe Ibsu, akkasumas namoonni Macaafa Qulqulluufi Mootummaa Waaqayyoorratti akka xiyyeeffatan gargaaru. Barruulee addunyaarra jiran keessaa ‘fayyina kan labsan’ barruulee kana qofadha. (Isa. 52:7) Kanaaf, hamma nuu dandaʼametti barruulee kana balʼinaan raabsuu barbaanna. Akkas gochuu keenya dura garuu, ‘Xiyyeeffannaa namoota akkamii hawwachuu dandaʼu?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha.