Mataduree Tokko Beeksisaatii Barruu Lamaansaa Kennaafii
Barruuleen keenya matadureewwan nama hawwatan addaddaa kan qabatanidha. Manaa gara manaa yommuu tajaajillu matadureewwan hunda ibsuu mannaa, tokko qofarratti mariʼachuun gaariidha. Dammaqoo yoo taaneefi matadureewwan barruu Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaa! sanarra jiran dubbisneerra yoo taʼe, yaada nama haasofsiisaa jirru hawwachuu dandaʼu tokko filachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, meeshaa ijoolleen ittiin taphattu mana keessatti ykn naannoo manaatti yoo argine, mataduree waaʼee maatii ibsurratti mariʼachuu dandeenya. Namni nuti haasofsiisuuf jennu dhiira yoo taʼemmoo, matadureewwan dhiira hawwachuu dandaʼan, fakkeenyaaf waaʼee bulchiinsa gaarii wajjin mariʼachuu dandeenya. Kan mariʼannu mataduree tokko qofarratti yoo taʼeyyuu, namni sun fedhii yoo qabaate barruulee lamaanuu kennuufii dandeenya.