LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Amajjii ful. 3
  • Warra kan Taatan, Wanta Beekuun Isaan Barbaachisu Ijoollee Keessan Barsiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warra kan Taatan, Wanta Beekuun Isaan Barbaachisu Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Maatii Keessan Balaarraa Eegaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Amajjii ful. 3
Warri ijoolleen isaanii akkamitti akka of eegan yommuu isaan barsiisanitti ijoolleen isaanii ‘Dhiisi!’ jechuu shaakalaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Warra kan Taatan, Wanta Beekuun Isaan Barbaachisu Ijoollee Keessan Barsiisaa

Kan jiraannu addunyaa isa gaariidhaan hamaa, isa hamaadhaanis gaarii jedhu keessa dha. (Isa 5:20) Kan nama gaddisiisu, namoonni tokko tokko wanta Yihowaan jibbu raawwatu; fakkeenyaaf, namoonni saala wal fakkaatu qaban tokko tokko walitti dhufeenya naamusaan ala taʼe qabu. Ijoolleen wajjin baratan ykn namoonni kaan ijoolleen keenya warri jaallatamoon gocha isaanii isa gadhee akka hordofan dhiibbaa isaan irratti godhu. Qorumsawwan akkasii akka moʼan ijoollee keessan qopheessuu kan dandeessan akkamitti?

Ijoolleen keessan ulaagaalee Yihowaa akka gaariitti akka beekan gargaaraa. (Lew 18:3) Suutuma suuta wanta Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee dubbatu isaan barsiisaa; wanti isaan barsiistan umurii fi dandeettii hubannaa isaanii tilmaama keessa kan galche taʼuu qaba. (Kes 6:7) Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Ibsi jaalalaa sirriin kan akkamii akka taʼe, uffata seera qabeessa taʼe uffachuun barbaachisaa taʼuu isaa, namoonni kaan qaama isaanii akka hin tuqne ykn akka hin ilaalle dhowwuu akka qaban ijoollee koo barsiiseeraa? Ijoolleen koo namni tokko poornoogiraafii isaanitti argisiisuuf yoo yaale ykn wanta Yihowaan dogoggora akka taʼetti ilaalu akka raawwatan yoo isaan gaafate maal gochuu akka qaban beekuu?’ Waaʼee kanaa dursanii beekuun isaanii rakkina hedduu irraa isaan eeguu dandaʼa. (Fak 27:12; Lal 7:12) Ijoollee keessan barsiisuudhaan, dhaala guddaa Yihowaa biraa argattaniif jaalala akka qabdan argisiistu.—Fr 127:3.

VIIDIYOO MANA JABAATEE DHAABATU IJAARAA—IJOOLLEE KEESSAN “WANTA HAMAA” IRRAA EEGAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkii viidiyoo ‘Mana Jabaatee Dhaabatu Ijaaraa—Ijoollee Keessan “Wanta Hamaa” Irraa Eegaa’ jedhamu irraa fudhatame. Haati takka ilma ishii wajjin viidiyoo ‘Ijoollee Keessan Eegaa’ jedhamu ilaalaa jirti.

    Warri tokko tokko waaʼee saalqunnamtii ijoollee isaanii barsiisuu irraa duubatti kan jedhan maaliifi?

  • Fakkii viidiyoo ‘Mana Jabaatee Dhaabatu Ijaaraa—Ijoollee Keessan “Wanta Hamaa” Irraa Eegaa’ jedhamu irraa fudhatame. Warri kitaaba ‘Barsiisaa Guddicha Irraa Baradhu’ jedhamuu fi barreeffamoota kaanitti fayyadamanii ijoollee isaanii lamaanii wajjin mariʼachaa jiru.

    Warri ijoollee isaanii “adabaa fi gorsa Yihowaatiin” leenjisuu kan qaban maaliifi?—Efe 6:4

  • Fakkii viidiyoo ‘Mana Jabaatee Dhaabatu Ijaaraa—Ijoollee Keessan “Wanta Hamaa” Irraa Eegaa’ jedhamu irraa fudhatame. Warri Afriikaatti argaman tokko caqasoota dubbisanii ijoollee isaanii wajjin irratti mariʼachaa jiru.

    Beekumsi eegumsa argamsiisa

    Jaarmiyaan Yihowaa warri ijoollee isaanii waaʼee saalqunnamtii akka barsiisan gargaaruuf wantoota akkamii qopheesseera?—w19.05 12, saanduqa

  • Rakkinni uumamuu isaa dura yeroo hundumaa ijoollee keessan wajjin haasaʼuu kan qabdan maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi