LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Amajjii ful. 11
  • Yihowaa Tajaajiluu Filadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaa Tajaajiluu Filadhu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Cuuphaa—Ulaagaa Kiristiyaanonni Guutuu Qaban
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Ulaagaa Cuuphaadhaaf Barbaachisu Guutuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Cuuphaafi Walitti Dhufeenya Waaqayyoo Wajjin Qabdu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Amajjii ful. 11
Daandii jajalʼaa tajaajila Yihowaa argisiisu. Mallattoowwan daandicha irra dhaabaman Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu, walgaʼii irratti argamuu, lallabuu fi cuuphamuu argisiisu.

Daandii gara cuuphaatti geessu keessaa bakka kam jirta?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaa Tajaajiluu Filadhu

Dargaggeessa hin cuuphamne ykn barataa Kitaaba Qulqulluu yoo taate, cuuphamuuf galma qabdaa? Wanti cuuphamuuf si kakaasu maal taʼuu qaba? Of murteessuu fi cuuphamuun Yihowaa wajjin michummaa addaa argamsiisa. (Fr 91:1) Fayyinas ni argamsiisa. (1Ph 3:21) Galma kana bira gaʼuu kan dandeessu akkamitti?

Dhugaa argachuu kee mirkaneeffadhu. Yeroo gaaffiin sitti uumamu, dhuunfaatti qorannaa godhi. (Rom 12:2) Jijjiirama gochuun si barbaachisu kam iyyuu adda baafadhu; jijjiirama gochuuf kan si kakaase fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabdu taʼuu isaa mirkaneeffadhu. (Fak 27:11; Efe 4:23, 24) Yeroo hundumaa Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamee akka si jabeessuu fi akka si deggeru mirkanaaʼaa taʼi. (1Ph 5:10, 11) Carraaqqiin gootu si hin gaabbisiisu. Yihowaa tajaajiluun jireenya hunda irra wayyu dha!—Fr 16:11.

VIIDIYOO DAANDII GARA CUUPHAATTI GEESSU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Namoonni tokko tokko cuuphamuuf jecha gufuuwwan akkamii moʼaniiru?

  • Amantii Yihowaadhaaf of murteessuuf si barbaachisu qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

  • Namoonni tokko tokko tarkaanfii cuuphamuuf barbaachisu fudhachuuf maaltu isaan kakaase?

  • Namoonni Yihowaa tajaajiluuf filatan eebbawwan akkamii argatu?

  • Of murteessuu fi cuuphamuu jechuun maal jechuu dha?

Obboleessi haasaa cuuphaa dhiheessu xumura haasaa isaa irratti, kaadhimamtoonni cuuphaa ol kaʼanii gaaffiiwwan armaan gadii lamaaf sagalee guddaadhaan deebii akka kennan gaafata:

Cubbuu keessan irraa yaada geeddarattanii, Yihowaadhaaf of murteessuudhaan, karaa Yesuus Kiristoos akka inni isin fayyisu amantaniittuu?

Cuuphamuun keessan, Dhugaa Baatota Yihowaa warra jaarmiyaa Yihowaa keessa jiran keessaa tokko akka isin taasisu hubattaniittuu?

Kaadhimamtoonni cuuphaa gaaffiiwwan kanaaf amanannaadhaan deebii kennuun isaanii furicha irratti amantii akka qabanii fi guutummaatti Yihowaadhaaf akka of murteessan ‘ifatti lallabuu’ isaanii argisiisa.—Rom 10:9, 10.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi