TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Maree Fakkeenya Taʼu
Dhugaa Baʼuu
Gaaffii: Waaqayyo kadhannaa dhiheessinu ni dhagaʼaa?
Caqasa: Fr 65:2
Yeroo Itti Aanuuf: Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya?
CAQASA KANA MEESHAALEE BARSIISUUF ITTI FAYYADAMNU KEESSAA BARBAADI:
Deddeebii Gaaffii
Gaaffii: Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya?
Caqasa: 1Yo 5:14
Yeroo Itti Aanuuf: Waaqayyo kadhannaa dhiheessinuuf deebii kan kennu akkamitti?
CAQASA KANA MEESHAALEE BARSIISUUF ITTI FAYYADAMNU KEESSAA BARBAADI:
Duula Waraqaa Affeerrii Ayyaana Yaadannoo (Guraandhala 27–Bitootessa 27)
“As kan dhufne [ykn kan siif bilbille ykn kan siif barreessine] ayyaana adda taʼee fi namoonni miliyoonaan lakkaʼaman irratti argaman tokko irratti akka argamtu si affeeruufi. Ayyaanichi ayyaana yaadannoo duʼa Yesuusi dha.” Achiis waraqaa affeerrii nama sanaaf kenni [ykn ergaa gabaabaadhaan ykn iimeeliidhaan ergiif]. “Waraqaan affeerrii kun saʼaatii fi iddoo ayyaanichi naannoo keenyatti itti kabajamu qabateera [ykn intarneetiidhaan hordofuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa]. Kana malees, haasaa ayyaana kana torbee tokko dursee dhihaatu irratti akka argamtu kabajaan si affeerra.”
Fedhii Yoo Qabaate Yeroo Itti Aanuuf: Yesuus kan duʼe maaliifi?